09/02/2023
👫Hiriyyaa Sobaa👭
~~~~~~~~~~~~~
Nyaatee si alanchee
Lafee kan kee qorkaa
Bu'aa siif malu immoo
Ofii isaatii hawwaa
----------------------------
Ati kana hin beektuu
Hiriyyaa koo jettee
Maqaasaa waammatta
Iddoo ati hin beekneen
karaa ati hin yaadneen
Dabaree isaatiin immoo
Inni awwaala siif qotaa
-------------------------------------
Akka abbootiin jedhanitti
Hiriyyaan gaachenaa
Rakkoo walii dhoksa
Yoo halli hin mijannes
Oolmaa kalee yaadee
Garaan waliif obsaa
---------------------------------
Qomoo waa siif dhaamuu?
Hundi hiriyyaadhaa
Jettee of hin sobiin
Hiriyyaa hamaadhaan
Bolla awwaalaa kee
tasuma hin qotin
Adda baasi dhugaan
Hiriyyaa siif malu
Kan yaadni garaa keef
Jechi kan kee hundi
bakketti walii galu