Al Faruq Dawa Group

Al Faruq Dawa Group ....Yoo dandeeyse....!

Yeroo kamuu kheeysa jiraattu yoo dandeeyse fayyadi ykn fayyadami garuu haala kana lamaan keeysaa hin bahin.
hedduu qabamnee waa hedduu dhiifneeti gallee mana jirra.

10/03/2023
MASHAA ALLAHGuyyaan guyyaa addaa ture mashaa allah akkam namatti tolaaGammachuun guddoon: Muslima taatee dhalachuu dhaQa...
07/08/2022

MASHAA ALLAH
Guyyaan guyyaa addaa ture mashaa allah akkam namatti tolaa
Gammachuun guddoon: Muslima taatee dhalachuu dha
Qananiin irra guddoon; Muslima taatee jiraachuu dha
Qananiin guutuun ammoo: Muslima taatee duniyarraa deemuu dha!

RABBIIN islaamummaan Adda nun baasin

Ammayyummaa (Modernism) Hedduun keessan hubannaa jecha kanaaf haarawa hin taatan je'eetin amana. Irra hedduun keenya yer...
20/06/2022

Ammayyummaa (Modernism)

Hedduun keessan hubannaa jecha kanaaf haarawa hin taatan je'eetin amana. Irra hedduun keenya yeroo jecha kana dhageenyu, Madaala qaroominaa akka ta'e nutti dhaga'ama.

Guddina diinagdee, Saayinsii, fi Filoosoofii akka of keessaa qabu gooneeti hubanna.

Garuu hiikkaan dhugaa maali yoo jenne akka nuti beeynuufi hubannu caalaa guddaadha.

Jechoonni akka 'Fasion, Brand, Style, Model' Kun akka waan Ammayyummaatti Sammuu namaa irratti hojjatamee jira.

Kana Ummanni lixaa Gabrummaa Sammuutiin kan nu gabroomsaniidha. Akka nuti Ammayyummaan garasii malee hin dhufne Mala ittiin nu godhanniidha.

Meeshaalee nannoo keenyaa (Local Material) akka nuti fayyadamuu jibbinuuf, Biyya isaanii hundarra akka guddisnee haasofnuuf Waan nurratti hojjataniidha.

Sirritti yoo itti yaanne Waan hedduu argina. Haa xiinxalluu. Ani ammoo akkanan isiniin jedha..
《Nama Ammayyummaa (Modernity) barbaaduuf, Islaamummaan isaaf gahaadha》

18/06/2022

🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣

""" Akkuma Harki tokko kobaa harka dha'u hin dandenyetti jirenyi ganda lameenif hin jiraatamness jireenya gaarii milka'aa ta'uu hin danda'u... milkiin dhugaa tattaaffi jireenya ganda lameen jiraachuuf godhamu irraa kan dhalatuudha....obbaleessa kiyya Jireenya duniyaa qofa osoo hin ta'iin jireenya ganda akhiiraatis bareechifachuuf jiraadhu...akkasiin milkii dhugaa argachuu dandeessa....

Guyyaa gaarii!!!!!!

13/06/2022
Wal-Dorgommii Qur'aanaa addunyaa tokkoffaa bahuun kan badhaafame Biyya Jordon irraa Muhammad Al-Haashimiin badhaasa Dool...
13/06/2022

Wal-Dorgommii Qur'aanaa addunyaa tokkoffaa bahuun kan badhaafame Biyya Jordon irraa Muhammad Al-Haashimiin badhaasa Doolaara Ameerikaa kuma kudhan goonfateera!

06/06/2022

Ni daganne!

Dhugaan jiru dirree taa'a! Waan godhuu qabnu dhiisnee waan biraatti jirra. Ta hojjachuu qabnu irraanfannee tan biraa yaadanne.

Addunyaa tana yeroo Muraasaaf Kontraata qeeballee taa'utti jirra. Kun fedha Moowlaatiini kan ta'e. Nu tolchee bereechee nu Uume nu guddisee Sadarkaa nutti godhe. Waan adda addaatiin akka wal caallu nu taasise. Faaruutu isaan mala, Kadhaatu, isaan mala, galataatu isaan mala walumaa galatti ykn dimshaashumattu gabbaramuutu isaan mala.

«Guddina Allaahaan Malu Waa Isa hin guddisne»

Subhaanallah! Rabbi Keenya gabbaruuf Uumamnee Jaalala Saalaa faallaa keenyaatiin dagamne, Rabbii Keenya gabbaruuf Uumamnee Jaalala duniyaatiin sakaalamne, Rabbii Keenya gabbaruuf Uumamne jaalala technology tiin Hatamne, Rabbii Keenya gabbaruuf Uumamnee Jaalala Hawaasummaatiin Dagamne.
Rabbii Keenya gabbaruuf Uumamnee Jaalala Politica tiin Nyaatamne. Subhaanallah!

Yaa Rabbii Jaalala tee hiiddaa fi dhiiga qaama Keenya cufa keessaa yaasi. Bakkaa hiddaa fi lafeen itti wal qunnamtu hunda obaasi. Ujummoo qaama Keenya Cufa jaalala teetiin qulqulleessi. Yaa Mowlaa Warreen jaalala teetirraa qullaa gooterraa nu hin taasisin.

Address

Micha Sawena
Sawena

Opening Hours

09:00 - 17:00

Telephone

+251980419542

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Al Faruq Dawa Group posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Al Faruq Dawa Group:

Share