14/08/2026
"Gatiin barnoota kolleejjii , odeeffannoo/facts/ hedduu barachuu qofa osoo hin taane, sammuu namaa akkanni yaadutti leenjisuudha.” — Albert Einstein
.
Jechi kun, barumsi odeeffannoo hedduu sammuu keessa guutuu qofa osoo hin taane, dandeettii yaaduu fi xiinxaluu guddisuu akka qabu ibsa. Kana jechunis_
Dhugaa fi odeeffannoon barbaachisoodha; garuu namni odeeffannoo qofa yaadatee, akkamitti xiinxaluu fi hojii irra oolchuu akka qabu yoo hin beekne, faayidaan isaa daangeffama dha_ jechu dha.
.
Egaa kana yo jennu Barumsi dhugaan namaaf, yaada waa gaafachuu, walitti dhufeenya wantoota adda addaa hubachuu, waa ragaan madaaluu fi rakkoolee furu barsiisa.
.
Sammuun leenjifames, haalli jiru yoo jijjiirame illee, barachuu isaalle itti fufuu ni danda’a jechudha.
.
Kanaaf, kaayyoon barumsaa namoota waan isaan barsiifaman qofa irra deddebi’anii akka dubbatan/yaadan/ uumuu osoo hin taane, namoota ofiin yaadan horachuu ta’uu qaba. Bu'an barumsallee dandetti sirriitti yaadun madaalama deema. Innis Dandeettiin sirriitti yaaduu fi sababeeffachuu, keessumaa yeroo odeeffannoon guutuu hin taane ykn odeeffannoon wal faallaa ta’e keessatti gatii guddaa ni qabaata. Bu'a guddas ni fida.
.
Akkasumanille dabalatan Beekumsi meeshaa nuuf kenna/oomisha/; garuu yaadni qeeqaa (critical thinking) meeshaa sana maal gochuuf akka itti fayyadamnu nuf murteessu ni danda'a. Egaa Faayidaan guddaan barumsaa deebii/question/waraqaa irra hunda yaadachuus miti; rakkon jireenyaaf deebii fooyya’aa barbaaduu fi argachuu danda’uuf dandeettii horachuu dha.
.
Walumaa galattii Namni akkamitti yaaduu akka qabu barate, jireenya isaa guutuu ofiin of barsiisuu ni danda’a. kanaafis egaa Barachuun yeroo rakkoolee ittiin ilaallu fi ittiin furru sana haala yaada keenya jijjiiruf humna guddaa akkanni qabu Barre itti fayyadamutu nurra jiraata. xumura irratti bu'a barumsa keessa inni guddan_Barumsi sadarkaa isaa qajeelaa irratti, namaaf bilisummaa sammuu fi yaadaa kan namaaf kennu tau isadha.
.
Fayya ta'a
Barumsas, beekumsas hin dhabiina.
Fakkin_Akumaadha