11/03/2025
Sirba Aadaa Oromooti.
Sirba "Rap music" jedhamu jallattis kan ramadamu dha.
Sirba aadaati. Bifaan, qabiyyee fi madaallii caaseefama sirboota adunyaatin immoo sirba "Rap Music" jedhamu jallatti kan isa ramadchiisu dha.
Qabiyyeewwan bu'uuraa sirba aadaa kanaa, gosa sirboota Afaan Oromoo ballinaan beekaman irraa kan adda isa baasuu fi gosa sirba "Rap" jedhamu jalatti kan isa ramadchiisu keessaa: jijjiiraamoota yeedalloo tokko keessatti muldhatan kan baayinaan hin fayyadamne ta'uusaa (few identifiable inflection in pitches) fi jechoota hiikaa hin qabne garuummoo, miira waliigalaa sirbichaa keessatti dhandhama mataasaanii qabatani, jechoota hiikaa qabaniitti makamuun, sirba sana guutuu gochuu dandaa'an (Non-lexical Vocables) kan of-keessaa qabu ta'uu isaati.
Weelliisaan sirba kanaas maanguddoo raagaa umurii 70 olii, jiraataa baadiyyaa lixa Oromiyaa kan ta'ee fi sirboota ammayyaa "Rap" jedhamu osoo quba hin qabaatin, meeshaa muuziqaa masinqoo/ximboo qofaan sirbaa kan jiraate dha.
Eyyeen, sirbi kunis sirba aadaa Oromoo lixa Oromiyaatti bekamuu ta'ee kan hanga yoonaatti baldhinaan hin dhagahamnee fi hin qoratamne ta'uus; kan dhalootni irraa barachu danda'uu dha.
Dabalataanis, gosti sirba aadaa kun seenaa fi dhufaatii gosa sirbaa "Rap music" jedhamuun akka aduunyaatti beekamu kanaaf; tarii qooda mataasaa gumaacheeraa gaffii jedhuu kaasuuf mala. Kanaafu, xiyyeeffannoo ija adunyaatti as-baasuun qorannowwanif saaxiluun dirqama Oromummaati kaayyoo jedhu irraa ka'uun, bifa yaaliitin (experimental music) omishame isiniif dhihaate.
Maarree isinis dhaggeefachuun, ittiin bohaaraa. Waliif qoodaa. Ogeessota qorannoo Aadaa Oromoo irratti bobba'ani jiran yoo bektan, ergaafi.
Ulfaadhaa.
Experimental rap music - showcasing cultural melodies using the Masinko/Ximbo, blending the harmonious and soulful rhythms of Oromo music with a strong empha...