Saketa Jabesa

Saketa Jabesa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Saketa Jabesa, Poet, Fincha, Wellega, Nefas Silk.

Faarfataa  .Kan faarfannootni  isaa dinqii dhaggeeffatamanii hin nuffamne amas farfannaa haaraa   jedhu nu biraan gahuuf...
28/07/2025

Faarfataa .
Kan faarfannootni isaa dinqii dhaggeeffatamanii hin nuffamne amas farfannaa haaraa jedhu nu biraan gahuuf daandiirra jira.

Baga nagaan dhufte
Wel-Come.
We can't wait!!

22/07/2025

Hin duunu!
Baga nagaan dhufte Far. Jaaxaa.

   gara magaala Finfinnee dhuftee jiraachuufis ta'e tajaajiluuf carraa bal'aa osoo qabduu maaliif baadiyaa jiraachuu fil...
14/07/2025


gara magaala Finfinnee dhuftee jiraachuufis ta'e tajaajiluuf carraa bal'aa osoo qabduu maaliif baadiyaa jiraachuu filattee?

❶Ati nama abbaa hojii ta'e tokkoof miindeffamtee hojjeta yoo taatu:-
🔹Hojii keetti milkaa'ina argachuuf,
🔹Abbaa hojjettuufii sana gammachiisuuf bakka inni itti si erge deemteetu hojjeetta malee bakka ofii kee feete filattee,jaallattee hojjetta miti.
➋Caalmaatti warreen namoota dhugaa wangeelaa isaan qaqqabsiisu baay'een qabne yoon tajaajile gatiin koo waaqa abbaa biratti anaaf guddaa ta'a jedhe waanin amanuuf.
❸Uummaticha waanin jaalladhuuf hangan danda'e akka waan tokko isatti hir'atun barbaadu.Kanaaf lafa namootni tajaajilan baay'insaan hin jirre baadiyaa keessa deemee tajaajiluutti hedduun gammada.

Galata danuu qabda🙏

Maalinni ayyaantummaan hangana gahu!!👉Ati dhugumaan dhugaaf jiraatte.👉Ati nama waan samii gadii fageessee abuuree xuuxee...
13/07/2025

Maalinni ayyaantummaan hangana gahu!!

👉Ati dhugumaan dhugaaf jiraatte.
👉Ati nama waan samii gadii fageessee abuuree xuuxee tufee dugda itti gatee jiraatudha!
👉Ati nama miliyoonota walakkaa taa'ee jirma jiidhaa baachaa nama uff jedhee afuura baafatuuf illee dhageettii gurra dhalootaa akkan buuneef of keessatti aadaa jiraatedha!
👉Ati dhuguma dhugaan nama waan bu'aa dacheen kun namaaf gumaachitu tokko keessatti iyyuu qooda fudhachuuf wal morkii hin qabnedha!
👉Ati kuni, nama itti waamama isaa haleelee adda baafatee,waan ganama mul'atee galagala baduuf jecha tarkaanfii isaa al takkittiif nama duubattin butannedhaam!
👉Eeyyeen atumti kunii nama dinqiidha!
👉Dhugumaam ati mee,yeroo itti kumaatamni hiriiree lubbuu isaatti hir'isee waan lafarratti foon isaa cooligatti dhowwuuf,waa nyaachuuf wal nyaatu kana keessatti nama ergama isaa adda baafatee kristoosiin fakkeenya isaa godhatee,isa dhaggeeffachaa,waanuma hundasaa ofitti hir'isee gadi of deebisee jiraatudhaam!
👉Waanti nama dhibumee,meeqaaf meeqatu daandii ati irra imalaa dhuftee as geesse kana eegalee biyya lafaan booji'amee, foon isaa mararfate kan qileetti dhidhime atuu osoo lakkooftee!
👉yaa isa ayyaantummaan badhaatee!
👉Yaa isa dhalootaaf guca taatee iftee!
👉Maaloo maalinni hangana gadi of deebisanii jiraachuun?
👉Maayinni obsi hangana gahu?
👉Maayinni gadi of deebisuun kee hanganatti sirraa calaqqisu kuni?
👉Dhuguma Dhugaa Waaqaa ati namoota muraasa carroomanii qajeelummaan gaggeefamanii,itti waamama isaanii ganamaaf yookoo jedhanii owwaachaa jiraatan keessa isa tokko.
👉Maarree inni ati jireenya kee ofitti hir'istee,caba kee dhoksaan okkolaa,meela kee qobaatti baatee ofii dhidhiibbachaa,gola kee cufattee imimmaan kee lakkuu harcaasaa gatii hangana hin jedhamne baasaa inni ati Ofirratti moosistee isaaf jechaa jiraatte kunoo har'a akkasitti ulfinaan naannoo kee buufatee yoo si marsee argamu arguu caalaa maaltu nama gammachiisaa!

Siifoo kunuu sitti xiqqaata.


Baga milkoofte🙏🙏

 Inni caalu iyyuu si'iif mala😍❤
07/07/2025


Inni caalu iyyuu si'iif mala😍❤

Gameessa koo....Ani si'iif....Jecha kuulee Toora galchee,Dilbii yaadaaSiif gumaachee,Og-walaloon Siif bareechee,Jecha fi...
06/07/2025

Gameessa koo....
Ani si'iif....
Jecha kuulee
Toora galchee,
Dilbii yaadaa
Siif gumaachee,
Og-walaloon
Siif bareechee,
Jecha filee
Siif gingilchee.

Waan garaa koo
Siif haasa'uuf,
Akka garaa koo
Sii ta'uuf,

Dubbiif jechan
Harkaa dhaba,
Osoo...jedheen
Taa'ee gaabba.

Fala dhabeen
Ofuu hiraarsa,
Imimmaan koo
Lakkuun roobsa.

Humna qabaadhee
Silaan falmadhu,
Rabbi harkaa
Sin deeffadhu.

Dacheen garaa jalli boolla
Qottee qottee gadi awwalti,
Siifuu garaa siifin laafne
Dabareen nuunuu eeggatti,
Atin dhuftu anuu beeka
Nutu dhufa gara keetti,
Waawuun jennu humnan qabnu
Inni kun murtee rabbiiti.

Osoo uumaan
Garaa laafee,
Dacheen kunis
Ol si tufee.

Jennee teenyee
Siif abjoonna,
Qofaa teenyee
Qofaa haasofna.
Hacee koo.....
Isatti nuuf jecha baatee
Kichuutti citte karaatti,
Gootummaa kee dangaa darbaa
Siif lallabna dhalootatti.

Seenaa kan kee rirmi hin nyaatu
Ati siidaa gootummaati.
Bara baraan ni jiraatta
Dhaloota dhufee darbutti.

Qaalii koo!
Sunday.29.06.2025.
12:57
Saketa Jabesa.

21/06/2025

Maalii...
Maaf na miitaa,
Koottu malee
Eessa jirtaa?
Maaloon turiin
Koottu amma,
Nattin ta'iin
Akka ormaa.

Anuu ofin qusadhu,
Homaas sittin waakkadhu.
Diddee maaliif fagaattaa,
Maaliif garaa jabaattaa?

Jettee yeroo watwaattu
Lolaastee imimmaan kee,
Obsaaf dandeettii dhabeen
Yoon dhufu An Jeettiin kee.

Haasaan kee duriin faallaa
Qooqa kamiin waliif gallaa?

Ihim.....
Orman ta'iin naan jetteetu
Ofiimmoo orma taataa,
Ergan si biraan bahee
Hulaa natti cufattaa!!
Ihim......

04/01/2025

Inni kan koo mee....
Mootii moototaa ta'ee
Baraan moo'ee jiraata,
Ardiif samii walitti
Qofaama isaa to'ata.

Eenyuyyuu isaan hin falmu
Morkii isaan dhaabbatu,
Jechaa isaan daaraa godha
Yeroo achii dubbatu.

Beekaaf wallaalaan qabu
Hundatu isaaf gugguufa,
Ardiif samii dabarsee
Ofii darbee itti fufa.

Guula harkisa dacheen
Hin qabamu faannisaa,
Dachee kanarra ejjetee
Samii keessa teessoonsaa.

Qilleensa isatu abbooma
Galaanni isaaf dhaga'a,
Yoo fedhe irra deema
Yoo fedhe gogsee cee'a.

Dachee gogaatti bu'ee
Dhoosee yaasa burqituu,
Namni isa kan koo qabu
Hin beela'un dheebotu.

Balleessuuf hin dhaadatu,
Ajjeesuuf hin kakatu,
Obsa qaba ogeessa,
Jaalalumaan gaggeessa.

Dunnaaf hin ariifatu
Firdiif dafeen jarjaru,
Nan jaalladha isa kan koo
Akkatti na mararu!!

Goftaan haa Ulfaatu, Yoo fedha Gooftichaa ta'e Sambata xiqqaa ( Qidaamee ) dura keenya jiru kana sa'atii 11tti Faarfanna...
02/01/2025

Goftaan haa Ulfaatu, Yoo fedha Gooftichaa ta'e Sambata xiqqaa ( Qidaamee ) dura keenya jiru kana sa'atii 11tti Faarfannaan kun isin bira gaha!
UFFEE !
https://youtube.com/?si=yhPdeYMXGcX_8n4E
Bikila Kebede page!
Nagaan koottaa!

Address

Fincha, Wellega
Nefas Silk
MOOTII

Telephone

+251924318893

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Saketa Jabesa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category