15/01/2025
Dhaloota barsiisudha
Zakkaan beekumsa namaa
Sadarkaan hayyumaatis
Kanumaan madaalaama
Zakkaa yo hin kanine
Dhihoonu ni fagaattii
Lellonis zakkaa baasuf
dhufte fakkatti
Dubartummaan gadjette
Yoom wa ifiti calliftee
Dubartiin jabduu tahuu
Kuno hujiin mulliftee
Kitaabaa aja'ibaa
Arra nubiraan geysee
Cimiimmuu bara dheeraa
Baga nagayaan deysee
Akka fi bakka hin mijjanetti
Kitaabaa barresitee
Lelloo sabaa tahuuke
Gochaan mirkaneesitee
Biyya arabaa dalagacha
Jireenya keetis mootee
Kushinaa arabaa dhiqaa
Waan hin yaadamne gootee
Siwalin jirra oromon
Sabnii kee siif hiriiree
Daandiin mullataa keetii
Kan ganaa siif diriiree
Dafka gurraacha buuftee
fidee nu jidduu
Kushiinaa arabaa kessa
Gana ibidda hin shidduu
nuuf gumaachitee
Cabsitee wanjoo dabaa
Arra seenaa hijjattee
Jabaadhuu
👉Facebook leelloo sabaa follow godhaaf....https://www.facebook.com/profile.php?id=100086508140019
👉Join my telegram channel
https://t.me/abdii_laaftoo/460
👉 Facebook
https://www.facebook.com/abdi.ibrahim.75839
👉 me my tiktok
https://www.tiktok.com/?_t=8nOjrGniP0n&_r=1
👉Subscribe my you tube
https://youtube.com/?si=1nwPKdPNBo74yvq0
Yaadaaf...........👉
By Abdii ibraahim.......✍️