21/06/2026
TAATEE ADDAA
Guyyaa har’aa Magaalaa Jimmaa, Ganda Saxoo Samarootti taateen dinqisiisaa fi seenaa keessatti qabxii addaa ta’e tokko uumameera!
Ijoollee dubaraa 17-18 ta’an kanneen qomatti Qur'aanaa haffazan hundaaf badhaasa addaa fi biyya keenyatti
baay'ee hin baramnedha kan badhaafaman.
Sheikh Maxar jedhamuun kan beekaman, lammiin biyya Arabaa irraa dhufan, hojii dinqisiisaa markaza kanaa erga ijaan argan booda waadaa seena-qabeessa seenuun deeme. Waadaan sunis guyyaa har’aa guutamee jira:
Maali !?
Ijoollee Qur'aana haffazanii eebbifaman kana hundaaf, warshaa warqiin itti bocamutti maqaa shamarran kanneen hundaa addaan baasuun maqaa isaanii irratti dalagsiisuun, guyyaa har’aa hunda isaanii WARQII uffisanii jiru! Gochaan kun dinqisiifannaa qofa utuu hin taane, kabajaa fi jaalala guddina diinii fi Qur'aanaaf qaban agarsiisee jira.
HUNDEESSITUUN MARKAZA KANAA EENYU ? KHADIIJAA ABBABEE BEEKTUU?
Wal baraa:
Imala Gara Ifa Islaamummaa:
Khadiijaan kanaan dura hordoftuu amantaa biraa kan turte yoo ta’u, waggaa 20 dura gara ifa Islaamummaatti makamte. Akkuma Ifaa Islaamaa seenteen, onnee iimaanaan jabeeffatteen Qur’aanaa fi kitaabota amantii gadi fageenyaan barachuu fi qorachuu hojii ishee kan jalqabaa goote.
Mana Ofii Gadi Lakkisuu
Beekumsa ishee of biratti hin hambifne; "of qofaaf hin jiraadhu,Hawaasa Muslimaa tajaajiluun qaba!" jettee murteessite. Mooraa fi mana jireenyaa ishee gadi lakkisuun, markaza gochuun hundeesitee haadholii, shamarranii fi ijoollee shamaraan dhibbaan lakkaa'aman tola barsiisuu eegalte.
Waggaa 2 Guutuu kophaa ishee barsiisuu: Shamarran eddoo adda addaa irraa dhufan kana waggaa lama oliif markaza ishee keessa tursiistee, eegdee,nyaachiftee obaastee akka isaan Qur'aana guutuu haffazan gooteetti.
Milkaa'ina Maatii Ishee:
Jabeenyaa fi hayyummaan ishee ormaa fi ala qofatti osoo hin taane,maatii ishee keessattis calaqqiseera. Ilmi ishee Abuu Haniifaa (waggaa 9) guyyaa har’aa Qur'aana haffazee eebbifameera; intalli ishee Hasanaat (waggaa 12) immoo kitaaba "Ani Eenyu?" jedhu barreessitee wal tajjii kana irratti eebbisiiftee jirti.
Taateewwan Gurguddoo Guyyaa Har’aa
1 Walitti Dhufeenya Amantii Biroo: Handoftoonni amantaa Kiristaanaa naannichaa, jaalala fi kabaja guddaa Ustaazaa Kadiijjaaf qabaniin, kennaa addaa - Qur’aanaa fi Suuraa maqaa Nabi Muhammadiin (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) tolfame qabatanii bakka eebbaa kanatti argamuun imimmaaniin wajji laataniiru.
2 Ijaarsa Gamoo Abbaa Darbii 4: Hojii kadiijaa kana bal'isuuf ijaarsi gamoo bal'aa jalqabamee jiru guyyaa hardhaa keessummootaan daawwatameera.
3 Ulamoota Argaman:
Sagantaa raajii hedduu qabu kanaan calaqqise kana irratti ulamoonnii fi beektonni gurguddoon biyya keenyaa kanneen akka Haji Hamazaa Muhammad Nuur, Dr Mahmhuud Huseen,Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Yaasin Nuuruu, Ustaaz Muhammad F***j, kkf argamaniiru.
Yeroo inni kuun seenaa akkanaa waggaa muraasa keessatti hojjatee firee argu,gariin barreeffamni kuni ni dheerate jechuun kan nuffutu jira! Maal godhangaa RABBI kan namaaf laatu.
Nisaa'ul Jannah Media Visit Oromia Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -مجلس أوروميا إذاعة القران الكريم Al Jazeera Channel - قناة الجزيرة خديجة بن قنة Dr Zakir Naik Dr Muhammad Salah أنس عبد الستار _ Anas Abdelsatar