Ulaa Botor

Ulaa Botor Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ulaa Botor, Art, Oromiyaa, Jimma.

Imimmaan Ummata Adaree hin qoorre  Bulchaa ati muuddatte hoggansa ummataa akka ati hin taanee fi Corataa ta'uuf akka dee...
21/06/2026

Imimmaan Ummata Adaree hin qoorre Bulchaa ati muuddatte hoggansa ummataa akka ati hin taanee fi Corataa ta'uuf akka deemaa jirtu agarsiisa .
Daraaraan isaa Uummata bira Darbee Hangaa Nama dhunfaa miidhuutti gahe ture
Ammas ummanni Gandichaa fala barbadachuu qaba.

Muudessa siyaasaa (politicizing the mood)Suusiin badaadha. Suusii hojii of dhabsiisuu. Suusii goomattummaa fi hamattumma...
11/06/2026

Muudessa siyaasaa (politicizing the mood)

Suusiin badaadha. Suusii hojii of dhabsiisuu. Suusii goomattummaa fi hamattummaa horachuun namummaa nama dhoowwa. Lakki Jara keenya nama ta’aa.

Waggaa 4 dura Adde adaanechi Koonkoo caamma godhatte, isa otoo hin geeddariin akkamitti magaalaa Finfinnee bulchiti jedhanii poloteeksanii moodii itti qabatan. Innis hamii irra darbuu dadhabe.

Ammammoo poloteeksitoonni keenya Shimeen sa’aatii wahii hidhate jedhanii ajandaa guddicha aangorraa ittiin isa kaasan nutti firfirsan. Toole jenneetuma muudessine.

Siyaasni biyya keenyaa muudii irra darbuu dadhabde.

Mee muudiin akka hin haphanneef warra muudessaniif, waa fafakkeessaa itti ergaa. Silaafuu warri waa nuuf ergaa jechaa jiran, sayinsii siyaasaarraa gara “muudessa siyaasaatti” ce’anii waan jiraniif.

Yaa Disco koo durii tokko otoo jiraatte siyaasa aja’abaa irraa hojjadha.🤣

  jahan 6 OromiyaaCaaseffamni Godina jedhu maal ta'a?@@@@@👇Naannoo Oromiyaa keessatti hojii mootummaa fi misooma saffisi...
10/06/2026

jahan 6 Oromiyaa
Caaseffamni Godina jedhu maal ta'a?
@@@@@👇

Naannoo Oromiyaa keessatti hojii mootummaa fi misooma saffisiisuuf jechuun qooddiin kilaasteraa ifoomeera. Oromiyaan kilaasteroota 6/jahaa/ .. keessatti qoodamtee hojii mootummaa fi tajaajila mootummaa haala bu'a qabeessa ta'een akka kennitu irratti hojii hojjetameera.
Qooddiin kilaasteraa kun tokkummaa uummata Oromoo cimsuu, hojii mootummaa saffisiisuu fi misooma walqixa ta'e fiduuf akka kaayyeffate ibsameera.
Kilaasteroonni mootummaa Oromiyaa keessa:
1. Kilaastera Wallaggaa
2. Kilaastera Jimmaa
3. Kilaastera Shaggar
4. Kilaastera Adaamaa
5. Kilaastera Shaashamannee
6. Kilaastera Adoolaa Woyyuu
Qooddiin haaraan kun mootummaa fi uummata gidduutti walitti hidhamiinsa cimsuun, tajaajila mootummaa dhiyeessuu fi hojii misoomaa saffisiisuuf mootummaa naannichaan hojii irra oolfamaa jira.

Jimma Zone Communication
Oromia Prosperity Party / OPP /

Obsi kaa!  keenya Rabbiin Sabran Jamiilaa Siif haa Kennu jennakaa Abbichuun Goolii 11-1 si Injifatee jiraa Obsii Itti Qa...
01/06/2026

Obsi kaa!
keenya Rabbiin Sabran Jamiilaa Siif haa Kennu jennakaa Abbichuun Goolii 11-1 si Injifatee jiraa Obsii Itti Qama'i si Dhiisaa!😁

  Milishaa Ganda Botor Adaree  .Qasiim HasaanUmmataa miskiinaa sana Maliif qoorqqiitaa😨😨??Ummataa sana  utuu nyaatuu Man...
10/05/2026

Milishaa Ganda Botor Adaree
.Qasiim Hasaan
Ummataa miskiinaa sana Maliif qoorqqiitaa😨😨??
Ummataa sana utuu nyaatuu Mana ijaarrate siin gahu ??
Utuu beknuu hubaa wajjiin nyaana jetee saareen Ummanii Akkatii saamaa jirtu utu beku calliisee sii dhaggeeffataa jira .
Atii garu ummataa qofa mitii motuummas saamaa ture Of Eggannoo dhumatii kun ......... itti fufaa ragaa guutuu wajjiin 😛😛😛😛😛😛😛😛😛😛😛

08/05/2026

👀

Qaama dhiimmi kun ilaallatuuf! osoo dubbannuu, osoo galii funaantanuu guyyaan lakkaawamee baatiiwwan bonaa darbanii yero...
22/04/2026

Qaama dhiimmi kun ilaallatuuf!

osoo dubbannuu, osoo galii funaantanuu guyyaan lakkaawamee baatiiwwan bonaa darbanii yeroon qoteebulaan keenya waan ittiin waggaa guutuu isin gabbaruufi kaabinee gandaas itti gabbaru, jiraachuuf, maatii isaa bulfachuuf ittin tattaaffatu yeroon ykn sa'atii Arfaasaa botor keessatti gahee darbuutti jira. Aanaan botor xoollaay Aanaa omishaaf omishtummaan beekamtu keessaayyuu gosa omisha beekamtuudha Qoteebulaan botor % guddaan lafa isaa qota, yeroo hammaa kana garuu lafti duuduutti jira.

Qaamni maaliif jedhu hin jiru erga Waraabessi darbee sareen dutti isa jedhan sana hin godhinaatii yoo sammuu ummataf hawaasaa bal'af yaadu qabaattan dhimma 'a Tiraakteera lafa Qoteebulaa qotuu kana ariitiin furmaata kennaa dhimmi kun dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuuti. Ummanni ykn Qoteebulaan kun isuma waggaa guutuu maqaa adda addaan gibira irraa coraa yaataniidha. Harra gaafa lafa isaa yeroo qotamuu qabutti osoo hin qotamiin hafe boriitu Galiidhuma sassaabdan osoo hin taane ummaticha dhabdu.

Elaa jarana Aangoo keessaniif sodaattanii hin ciisiinaa Nama lamaaf sadii qofas mijeessitanii matta'a hin nyaatiinaa lafti baotor guutuun akka qotamuuf akka irraa omishamuf tattaffadhaa. erga yeroo ykn sa'atiin darbeen booda akka Saree Dutuu qofa taati dubbiin. Maaliifuu qaamoleen quuqama qabdan dhimma kanaaf xiyyeffannoo kennaan dhaamsa keenya.
Jimma Zone Communication
Worku Bogale
Mahammad Getachoo
Nejat Kedir
Yusuf Sharo
Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa

Address

Oromiyaa
Jimma
ULAA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ulaa Botor posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category