Art Hamzaa bayaan

Art  Hamzaa bayaan I love you oromiyaa

BAATII RAMADAANAATIIF GUYYAA 15 QOFAATU HAFE !!!••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••By: Dr. Ibsaa ...
24/02/2024

BAATII RAMADAANAATIIF GUYYAA 15 QOFAATU HAFE !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
By: Dr. Ibsaa Dhugaa

Warri Qadaan Soomana Bara Dabree irra jirtu osoo soomanni baranaa isinitti hin seenne soomanaa liqii Rabbii ifirraa kafalaa.

Keessaafuu haadhoowwanii fii shamarran keenya warri Sababa addaa addaatiin soomanni dabre qadaa isinitti tahe akkasumaas dargaggootaa fii abboottiin teenya warri dhukkubsattanii ykn sababa imaltuutiin soomana dabre qadaa qabdan hundinuu dafaa soomanaa liqii Rabbii ifirraa kafalaa.

Yaa Rabbi warra achi gahee soomanu nu taasisi.

https://www.instagram.com/HamzeeTube/

كل و نفسن زاقاتول موت راحماتو الله إليك يا اخي        Rabbiin Rahmataa Siif Haa Godhu Jannata Isaatin Si Haa Qanansiisu ...
21/02/2024

كل و نفسن زاقاتول موت راحماتو الله إليك يا اخي Rabbiin Rahmataa Siif Haa Godhu Jannata Isaatin Si Haa Qanansiisu Wly Duuti Karaa Keenya Osoo Lubbuun Takka Du,arra Ka Haftu Tahee Ergamaa Rabbiitu Hafa Saw Olla Isaa Akka Si Godhuun Rabbirra Kajeela Wly

Gamni Namaa Tokko Hiriyaa Isaa Akkana Jechuun Gorse •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Gaarummaan ...
11/02/2024

Gamni Namaa Tokko Hiriyaa Isaa Akkana Jechuun Gorse
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Gaarummaan wantoota sadiin marfame.

1. Guyyaa kee wanta siif bu'aa buusu irratti yoo hin fixin, wanta si miidhu irratti hin fixin.

2. Hiriyyaa gaarii yoo hin qabaatin, xiqqaate xiqqaatu hiriyyaa badaa waliin hin hiriyyoomin.

3. Maallaqa kee karaa Rabbiin jaallatu irratti yoo hin baasin, wanta dallansuu Isaa sitti fidu irratti baasu irraa of eeggadhu."

Hiriyyaa gowwaa ykn badaa waliin hin hiriyoomin.
Wahb bin Munbih akkana jedha:
"Gowwaan akka uffata moofeti.
Yoo gara tokkoon hodhite gara biraatin tarsa'a.
Yookiin immoo akka xuubi cabdeeti.
Yookaa lamuu walitti hin deebifamu.
Yookiin immoo xuubiin irraa hin hojjatamu."

Gowwoota fi namoota badaa waliin hiriyyoomun badii fi rakkoo baay'ee fida.

Si dadhabsiisu.
Yoo ati isaan dhiiste si abaaru.
Yoo wanta tokko siif kennan, yeroo hundaa si yaadachisu.

Yoo tokkoo isaanii keessaa iccitii itti himte, ifatti si jalaa baasu.

Yoo sadarkaa qabeenyatin si ol ta'an si tuffatu.
Garuu si gadi yoo ta'an maqaa kee balleessu.
Maalik ibn Dinar,"Hiriyyaa faaydi si hin qabne ofirraa fageessi."

https://t.me/Hamzeetube

- Oh Allah, let us reach the month of Ramadan! 💯🤲🏼😍
10/02/2024

- Oh Allah, let us reach the month of Ramadan! 💯🤲🏼😍

Allah is sufficient for us All praise be to Allah Allah is The Greatest Allah The Only Allah Allah knows best Muhammad (...
09/02/2024

Allah is sufficient for us
All praise be to Allah
Allah is The Greatest
Allah The Only Allah
Allah knows best
Muhammad (Sallalahu Alaihi Wa Salam)
Alhamdulillah for all HIS blessings

31/01/2024

OBSA QABAACHUU #1

• Obsi Maali?
• Obsi Miila Nagaati!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➬ Obsi nagaa namaaf harkisa. Nagaa dhabuun har’aa, obsuun jiraannaan nagaa borii fida.
➬ Obsi dhibnaan immoo nagaa har’aas kan boriis dhabu.
➬ Obsi waan hundumtuu yeroo booda akka darbu, jijjiiramu, dhabamu beekanii, obsaan isa caalutti ce’uudha.
➬ Obsuun boqonnaa tokko irraa boqonnaa biraatti ce’uuf riqicha. Riqicha obsaan deemanii boqonnaa haaraa eegalu. Boqonnaa haaraa keessa nagaatu jira. Nagaa fi obsi wal utubu jechuudha.
➛ Obsi nagaa dhala.
➛ Nagaan jiruu gaarii dhala.
➛ Obsi balaa hambisa.
➛ Obsi du’a hambisa.
➛ Obsa keessa immoo baratanii darbu.
➛ Obsi mana barnootaas ta’a jechuudha.
Daqiiqaa muraasa obsuu dadhabanii namootni hedduun yeroo isaan gaabbii umurii guutuu seenan argina. Obsi xiqoon balaa guddaa hambisa. Obsa dhabuun xiqqoon ishees balaa guddaa fida. Obsa booda waan gaariitu jira. Obsuutu furmaata! Inni obse obsee gatii obsa isaa nyaata. Inni obsuu dadhabe immoo obsa dhabuudhaan gatii obsa dhabuu isaa nyaata. Gatiin obsa dhabuu miidhama. Aarii yeroo muraasaatiin miidhamuu fi nama miidhuudha. Inni obsee obseeti nagaa nyaata. Inni obsuu dadhabe immoo jarjaree balaa nyaata. Obsuun kaayyoo namaa dheeressa. Obsa dhabuun immoo kaayyoo namaa gabaabsa.

Namni obse fagoo deemee, fagoo dhaala. Inni obsa dhabe immoo fagoo dhiisii asiyyuu ni dhaba. Aarii daqiiqaa muraasaaf, obsa dhabanii fiiguun gaabbii bara guutuu fida. Obsanii dhaaluu osoo qabanii, Obsa dhabanii dhabu.
Nama obsetu waan haaraa arga. Waan haaraan immoo nagaa qaba. Nagaan immoo akkuma maqaa isaa nagaadha.
Waan dhufe hundumaa tasgabbii fi obsaan ilaaluun bayeessa. Hamaa fakkaatee gaarii ta’uu mala. Gaarii fakkaatees hamaa ta’uu mala. Suuta obsanii keessa isaa ilaalanii gaarii taanaan fudhatu. Hamaa taanaan gadi gatu.

Obsaan hundumaa madaalaa malee, obsa dhabdanii hundumaan hin madaalaminaa!!

Nagaa hin dhabinaa! Manni nagaa, alli nagaa, biyyi nagaa!
©©©©©©©©©©©©©©©©
Fuula fb Jechoota Ajaa'ibsiisoo kana follow gochu

WAAN HIN BEEKNE HIN DUBBATIN••••••••••••••••••••••••••••••••••••☼ Arrabni kee waan qalbii kee keessa jiru dubbata. Kanaa...
31/01/2024

WAAN HIN BEEKNE HIN DUBBATIN
••••••••••••••••••••••••••••••••••••

☼ Arrabni kee waan qalbii kee keessa jiru dubbata. Kanaafuu qalbii kankee hammeenya, hinaaffaa, jibbaa, wallaalummaa fi mamii irraa qulqulleessi. Yoo qalbiin tantee wantoota kanniin irraa qulqulloofte, dubbiin arraba kankee irraa bahus bareedaa fi jaalatamaa ta’a.

☼ Namoota ibaadaa fi islaamummaa irratti laafaa ta’an yoo argite, waa’ee isaanii jarjartee hin murteessin. Dubbii fokkotaa fi waan hamilee isaanii cabsu itti hin dubbatin. Maaltu beeka tarii namoonni sunniin karaa qajeelatti deebi’uudhaaf wal’aansotti jiran ta’a. Kanaafuu itti dhihaadhuu isaan gargaari. Garuu Maqaa itti hin baasin

Yeroo ammaa kana maqaa namatti baasuu fi nama arrabsuun akkaan salphaa ta’ee jira. Waa’ee namaa gaarii dubbachuurraa waa’ee nama sanii dharaa fi hammeenya dubbachuun, qilleensa oksijiinii harganuu caala laafaa ta’ee jira. Nama tokko waan hin qabneen hamtuu isaa dubbatuun ammoo dilii guddaadha. Ergamaan Rabbiitis ﷺ namni hedduun Azaaba sababa arrabaatiin akka seenu himanii jiran. Kanaafuu Arraba keenyaa haa hiinu. Waan hin beeknee dubbachuu irra cal’isuu haa filannu.

YAA ALLAAH

► Arraba keenya kheeyrii dubbachiisi
► gaarii dubbachuu nuuf laaffisi
► nama toltuu namaa dubbatu nu taasisi
► Waan hin beekne dubbachuurraa nu fageessi.

© Abu Ibtisam

https://www.instagram.com/ibsaashyusuf/

29/01/2024

Address

Harar
Hirna

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Art Hamzaa bayaan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share