19/10/2025
Atileet Salamoon Baaraggaa Walakkaa Maraatoonii Jaappaan Tookiyoo injifate
Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2018(FMC) - Atileet Salamoon Baaraggaa Walakkaa Maaraatoonii Jaappaan Tookiyootti fiigame injifateera.
Atileet Salamoon Baaraggaa dorgommicha xumuruuf sa’aatii 1 fi sekoondii 1 maayikiroo sekoodii 21 itti fudhateera.
Dorgommii garee dubartootaan dorgomame ammoo Maskaram Maammoo 3ffaa ba’uun xumurteetti.
Dorgommii Maaraatoonii Amestardaam ammoo Atileet Tsaggaayee Geetaachoo sadarkaa lammaffaa qabachuun xumureera.
Atileet Tsaggaayeen bara darbe dorgommicha injifachuun ni yaadatama.
Atileet Geetaaneh Mollaa sadarkaa 3ffaa qabachuun xumureera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.