15/06/2026
Ameerikaan dirqamtee Iiraan waliin lola dhaabdee jirti. Addunyaan guutuun kanaaf gammachuu qabdi. Israa’iil garuu jeeqamaa jirti. Hogganoonni siyaasaafi dhaabbilee Israa’iil Miidiyaa biyyattiirraa jechaan wal diraa jiran.
“Maaliif lolli dhaabbata? bu’aa maal irraa buufanne? Kanaaf qabeenyaafi lubbuu san mara kasaarree? Kanaaf akka addunyaatti firaafi diina birattiis qubni nutti qabamaa turee? Osoo humna qabnuu kana mudannaa? Tun injifannoo Yahuudaan maltee miti, salphina kanaan siitu nu gahe, lakkii siitu ilma abaarsaati biyya teenya sadarkaa dhoowwite, lakkii siitu akkasi, siitu akkana..” wal arrabsaa jiran.
Eegaa Israa’iil lola malee jiraatuu hin dandeessu. Israa’iil hundeeffama isiirraa kaasee jiddugal lafaatti baroota 80 dabraniif lola Kuma 700 ol bantee lubbuu ummata nagayaa balleessaa baate. Duguuggaa aadaa godhatte. Amma garuu guyyarraa haalli itti dhiphataa, mijjaawuuf didaa jira.