Walaloo Jaalalaa by Kemiso W

Walaloo Jaalalaa by Kemiso W Every man is equal
Nama kan caalu Waaqa

Arsenal waancaa nyaatus biyyee nyaatus it is my business nan deggara
29/11/2025

Arsenal waancaa nyaatus biyyee nyaatus
it is my business
nan deggara

28/11/2025

Jooteen Tulluu waa qaleera
Looteen dhuftu naa gameera

08/04/2025
21/01/2025

Akkam jirta kichuukoo
Yaa ishee lixa biiftuu
Ishee safara malee
Jaalala namaaf hirtuu

13/01/2025

❤️❤️❤️❤️❤️

Biyya jaalalaa, miidhagduu
25/12/2024

Biyya jaalalaa, miidhagduu

18/12/2024

Na dagatte...

Gaafa sana
Gaafa siif dukkanaa
Guyyaan sitti dhiitee
Gaaf jiraatte wargamaa
Aduun sitti dhiitee
Gaafa hawwite ifaa
Gaafas nama hawwite
Itti dheessuuf rakkoo
Hunduu si baqatee
Kan jette firakoo

Ni yaadatta laata
Isa darbe sana wal caalaa gaafichaa
Kan abdatte dinnaan
Dhufe kan sinfure dagattee harkicha?

Dhoqqee kee addeessee
Simbookee urgeesse
Kan siif baase aduu
Daandii kee siif ibsee
Kan si oolche baduu..

Jiruun sitti tollaan
Kan darbee irraanfattee
Kan jiruun si gonfe
Uumaakee dagatte!!

28/08/2024

...Suma nyaatte

Gaafa sana dhugaa se'een
Itti seene fakkeessakee
Irra keessa na simannaan
Qoruu dhiise waan keessakee

Gaafa sana dhugaa se'een
Jaalalakeef bakka kenne
Na kaaduukees hinshakkine
Gaaraa guutuun si amane.

Buleen bare eenyummaakee
Erga seenee dhoqqee keessa
Arrabnikee damma cobaa
Onneen keemmoo na madeessa.

Umurii kee dheeraffatta
Meeqaatama fafakkaattee
Abbaan haqaa haqaan gala
Haqa dabsuun suma nyaatte

Kamisichaan❤️❤️❤️

08/06/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Dula Teriku, Yoo Obsan Gamiyye

Address

Gimbi

Telephone

+251914939207

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Walaloo Jaalalaa by Kemiso W posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Walaloo Jaalalaa by Kemiso W:

Share