Obsi garsisii

Obsi garsisii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Obsi garsisii, Art Gallery, wachu, Ciro.

19/04/2025
16/04/2025
28/02/2025

Faaydaalee Soomni Fayyaa Keenyaaf Qabu

Soomuun faaydaalee fayyaa hedduu qaba. Qorannoowwan ammayyaa hedduun soomni qaama keenyaaf bu'aa guddaa qabu akka ta'e mirkaneessaniiru. Faaydaalee soomana keessaa muraasni armaan gadiiti:

1. Ulfaatina Qaamaa Hir'isuuf (Weight Loss)

Soomanuun ulfaatina qaama keenyaa hir’isuuf gargaara. Yeroo namni nyaata dheeraa hin fudhanne, qaamni isaa anniisaa argachuuf cooma keessatti kuufame fayyadama. Kanaaf, soomuun cooma gubuun ulfaatina qaamaa hir’isa, akkasumas dhukkuba gabbina ulfaatina (obesity) ittisa.

2. Si’eessitummaa Insuliinii Dabaluuf (Ittisa Dhibee Sukkaaraa)

Soomanuun qaamni keenya salphumatti carbohydrate irraa fayyadamuuf gargaara. Akkuma qorannoowwan ammayyaa ibsutti, soomni si’eessitummaa seelonni keenya insuliiniif qaban dabala. Kunis akka gulukoosii qaama keessa jiru sirnaan itti gargaaramu godha, akkasumas dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba sukkaaraa (diabetes) ittisa.

3. Metabolismii Dabaluuf

Metabolismii jechuun qaamni keenyaa wantoota barbaachisan fayyadamuun anniisaa maddisiisuu jechuudha. Soomanni sirna bullaa'insa nyaataa (digestive system) boqochiisuu danda’a. Kunis qaamni keenya akka cooma gubu fi anniisaa maddisiisu gargaara.

4. Umrii Dheeressuuf

Qorannoowwan tokko tokko akka ibsanitti, umriin namaa soorata waliin walqabata. Namoota nyaata xiqqeessan keessatti seelonni haaraan sirnaan socho’uun akka dhukkuboota hir’isu fi umrii dheeresu taasisa.

5. Beela Sirreessuuf

Soomanni hormoonii qaama keenya sirnaan akka to’atu gargaara. Yeroo soomnu, qaamni keenya hormoonii maddisiisuun akka beela dhugaa fi kan soba addaan baafnu gargaara. Kanaaf namni yeroo dheeraaf soomuu dafee hin beelahu.

6. Akka Sammuun Keenya Sirnaan Hojjatuuf

Soomanni sirna sammuu keenya foyyeessa. Kunis yeroo soomnu, qaamni keenya protein Brain-Derived Neurotrophic Peptide (BDNF) jedhamu maddisiisa. Prootiniin kun, neuroonii sammuu haaraa uumuu fi dhukkuboota sammuu akka Alzheimer’s fi Parkinson’s ittisuuf gargaara.

7. Dandeettii Qaamni Dhukkuba Ofirraa Ittisu (Immunity) Dabaluuf

Soomanni dandeettii qaama keenyaa dhukkuba ofirraa ittisuu fooyyessa. Yeroo soomnu, qaamni keenya hormoonota adda addaa maddisiisuu danda’a. Hormooniin kun xuraawaa qaama keessaa balleessuu fi seelota kaanserii ta’an dhabamsiisuu keessatti shoora guddaa qaba.

Yoom Soomanuun Miidhaa Fiduu Danda’a?

Namoonni armaan gadii ogeessa fayyaa waliin mari’achuun barbaachisaa dha:

Namoota dhibee onnee fi dhiibbaa dhiigaa olka’e qaban

Daa’imman, dubartoota ulfaa fi harma hoosisan

Soomanni bu'aa fayyaa guddaa qaba, garuu nama hundaaf yeroo hunda hin ta’u. Kanaaf, haala fayyaa keetiin soomanuu qaba!

Barbaachi Gosa Bilisummaa fi Dimookraasii Miidiyaa Irraa dhageenyuu Qilee Garbummaa irraa bahuu hin Dandeenyetti akka nu...
02/02/2025

Barbaachi Gosa Bilisummaa fi Dimookraasii Miidiyaa Irraa dhageenyuu Qilee Garbummaa irraa bahuu hin Dandeenyetti akka nu hin darbine Of Eeggannoo Cimaa Godhuun Har'uma!
✨️✨️✨️✨️..Sababa Lammiilee Idilee Biyya Isaa lama Haleellaa Xiyyaara Irratti Raawwatamee Tureen Mootummoota Biyyoota Lixaan Shakkamanii Dabarsaa nuuf Kennaa jedhaman Lammiilee koo Dabarsee hin Kennu Jechuun Aangoo fi Lubbuu Isaa illee Dhabe!😔

☆☆☆☆☆
Liibiyaan Afrikaa keessaa Biyya Kabajamtuu fi Afrikaan Afrikaaf jedhu Turte Bara Pireezidaantiin Liibiyaa Duraanii Muammar Gaddafii Hoogganaa turetti.
Muammar Gaddafi Hoogganaa Cimaa fi Ummata isaaf Cimee Hojjechaa Ture fi Waan Hin Danda'amu jedhamaa ture mara Ni Danda'ama jechuutti kan Seenaa Siyaas-Dinagdee fi haala Jireenyaa Ummata biyya isaa Balbala Abiddaa irraa Gara Jannataatti Geeddareedha. Jennee ibsuu ni Dandeenya.

Bara Muammar Gaddafi Liibiyaa Hoogganaa turetti:-

-Lammiilee isaaf jedhee Gammoojjii sahaaraa keessaa Bishaan Biliyoona 2$ ol itti baasuun liibiyaan bishaan dhugaatii bira darbee Tajaajila Qonnaa yeroo jalqabaaf Ummata biyyichaa 100% Milkeessuu danda'eedha.

-Lammiileen liibiyaa yoo dhukkubsatan Biyya keessaa hanga Biyya alaatti Bilisaan Wal'aansa akka argatan taasise.

-Lammiileen biyyatti kamiyyuu Gaa'ila ijaarrachuu yoo barbaadan 50,000$ Fi Mana jireenyaa baasii tokko malee Ijaarsisee Kennaa ture.

-Guddina Diinagdeen yoo ilaalle Duraan Harkaa Gara Afaanii ture Yeroo muraasa keessatti jireenya Lammiilee biyyattii Sadarkaa gaarii irraan ga'ee Ture.

-Of bira darbee Biyyoota hiyyeeyyii Afrikaa garagaraa illee Gargaaraa Ture....itti fufa...

*Haa Ta’uu Malee Hojii Akkanaa kanaan Osoo Ummata isaa Dararaa beelaa fi Waraanaa Keessa Ture kana irraa Hiyyummaa Seenaa godhee Quufa Arganii hin dhaga'in kana keessa Garaggaggalchinaan Hawaasnumti isaa Kaleessa Eegduu malee Gidduu isaanii Arreedaa ture Diina isaa yeroo maraa kan ta'e Warra Afaan dammaa keessaan Abiddaa sana waliin ta'anii Harka isaa kaleessa irraa nyaachaa turan deebisanii c

02/02/2025

Address

Wachu
Ciro
000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Obsi garsisii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category