07/02/2021
TOWBAA (gama Rabbii deebi’uu)
Towbaan Islaamummaa keessatti waan haalaan barbaachisaatti, Rabbiin Ilmi namaa badii raawwateef gama isaa deebi’ee, yoo araraama gaafate ni jaalata. Qur’aana isaatin akkas jedhe
{وَاللّهُ يُرِيدُ أَن يَتُوبَ عَلَيْكُمْ وَيُرِيدُ الَّذِينَ يَتَّبِعُونَ الشَّهَوَاتِ أَن تَمِيلُواْ مَيْلاً عَظِيماً
{Allaahaan Isinirratti Towbaa deebi’uu Jaalata. Ammoo warri fedhii Isaanii jala deeman Isin akka jallina guddaa jallattan fedhan.
{إِنَّ اللّهَ يُحِبُّ التَّوَّابِينَ وَيُحِبُّ الْمُتَطَهِّرِينَ
[البقرة: 222
{Allaahaan Warra Towbatuu fii warra Qulqulleefatu Jaalata.}
Towbaan hundee islaamaa isa tokko. Badiilee Hundarraa daddaffitti towbaachuun Barbaachisaadha. Towbaan nama qulqulleessiti. Hamturraa nama sirreeysitti Jallinarraa qajeellotti nama baasti. Badii namarraa haqxee toltutti jirjiirti. namni hundi Rabbitti niyyaa toluu qaba. Badiin isaa hangamillee guddoo yoo taate gama Rabbii towbachuu qaba. Towbaa dhugaadhaa tan qalbirraa kaate godhuu qaba.
Hadiisa Abdallaah ibnu Umar (RA) odeeyseen Nabiin ( ﷺ ) akkas jedhe
“Yaa ilmaan namaa gama Allaahaa (gama Rabbii deebi’aa), ani guyyatti ogguu 100 gama Rabbii deebi’a(Towbadhaa)” jedhe.
Ulaagaalee Towbaa
1.Tan Rabbiif qulqullooyte tahuu, (kan na haa arganii fi Na haa dhagayaniin keessa hin jirre.
2-Balleessarraa qulqullaawuu.
3- Sheenawuufii gaabbuu.
4- itti deebi'uu dhabuuf murteefachuu.
5- yoo haqa namaatiin waan walitti rarra'u taate haqa namaarraa qulqullaawuu.
6- Osoo mallattoon qiyaamaa, aduun gama dhihaatiin ol deebitee hinbaane fi Osoo mallattoon du'aa hinmul'anne tahuu qaba.