02/01/2026
gabaabduu Pireezidaantiin Oromiyaa jalqabaa Ibraahim Lami Media' n:
Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa jalqabaa Obbo Hassan Alii dhalatanii kan guddatan Godina Harargee Lixaa Magaalaa Cirootti.
Barnootaa isaa sadarkaa 1'ffaa fi 2'ffaas Magaaluma Cirootti baratan.
Obbo Hassan Alii akkuma Joollee Baadiyyaa kamuu maatii isaa gargaaraa barnoota isaa kan itti fufe yoo tahu, barnoota isaa Dhaabbilee olaanootto dabreen Yunivarsiitii Baahir Daaritti barate.
haalli guddina isaaniirra, Safuu fi sasankaa, gootummaa fi of tahinsi ummata keessatti dhalaterraa dhaalee kan guddate yoo tahu;
Roorroo fi dhiibbaa mirga Abbaa biyyummaa ummanni Oromoo Alagaan dhiibamaa ture argaa guddachuun quuqamni sabaa akka itti dhaga'aamuufi siyaasaa akka baratu isaan taasise
Obbo Hassan dhalootaan nama qaroofi hayyuudha.
Obbo Hassan Alii pireezadantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan Jalqabaati, Hassan Ali Pirezedaantii tahanii Oromiyaa bulchuu bira dabranii goota tahee Oromiyaafi Magaalaa Finfinneetiif falmaa turan.
Hassan Alii Ibraahim ummata Oromoo bal'aa waliin tahuun nama mootummaa Naannoo Oromiyaa hundeesse hoggaa tahu, seensa hundeeffama mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti hedduu rakkachuun qarshii kuma 25' liqeeffachuun mootummaa Oromiyaa akka bu'uuresse Afaan isaatiin haasawa isaa eega biyyatti deebi'an Magaalaa Cirootti taasiseen himaniiti jiru.
bara Wayyaane Aangoorra jirtutti OPDO keessa gootonni muraasni qubaan lakkaa'amantu ture.
Sirna Wayyaanee dura dhaabbachuun dubbiin jajjabduun gaafasitti obbo Hassan Alii dubbatan muraasa yoo kaafnu, dhimma Magaalaa Finfinneeti;
Magaalaan finfinnee dalga lafarra ballattee qonnaan bulaa Oromoo buqqaasuu mitii Samii keessa ol guddachuufu hayyama Oromoo malee akka hin danda'amne wayyaanetti himuudhaan, dhimma murteessummaa Finfinneerratti ummata Oromootiin Ala abbaan fedhe murteessuu akka hin dandeenye goota Wayyaanetti himeedha.
Inni biraa obbo Hassan bara sanitti Wayyaaner fi Habashootatti hime; Adeerri Minilik Raas Dargeen Abbaa Oromoota Arsiiti yoo nuun jettan lakkii Raas Dargeen dii-na seenaa guddaa Oromoota Arsiiti jedheen isinitti hima.
Minilik goota Itiyoophiyaati yoo nuun jettan lakkii minilik dii-na seenaa Ummata Oromoo kan ummata Oromoo dhii-ga dha-ngalaase dii-na seenaa ummat Oromoo bara baraan yaadattu tahuun isinitti hima jechuudhaan,
Alaabaa lumuxii sirni Alagaa waaqaarraa buute jechuudhaan mataa jalatti qabatanii ummata Oromoorratti daba gargaaraa irrattis hojjatan namni yeroo jalqabaaf morme Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa jalqabaa obbo Hassan Alii ni yaadatama.
Akkumma Hangafoota OPDO kan akka faa, namni kunis ejjannoo isaatiin murataa, eenyummaa isaatiin kan hin qoosne fi sabummaa Oromoo nama gabaaf hin dhiheessine yoo tahu,
Bara pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa turanitti dubbii jajjabduu Wayyaaneefi Naf*nyaatti dhukkubbii sammuu itti taate dubbachuun dii-nota Oromoo Abdii murachiisuu turan.
Yeroo sanitti dubbii akkanaa pireezidaanti tahanii dubbachuu miti ilaalchaan Mallasaa mormuun onnee jabaa nama gaafata!
Dhimmi abbummaa Finfineetis dhimma waltajiif dhihaatu miti, dhimma qaamni isa hin ilaalle irratti murteessuu odoo hin tahin, dhimma Oromoon qofti murteessu jechuudhaan dubbate.
"Lafa Finfinnee qofaa miti, Samiin finfinneetilleen tan Oromooti" jechuun Haasawa Seena qabeessaa fi haqa Sabni Oromoo biyyatti tana keessatti qabu gaafa bara jalqabii Bulchinsa Mootummaa Mallasaatti gootummaan fuulduratti kan dubbate, Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa kan Jalqabaa kan ture ti.
Sanuu bara Mallasaan aangoorra jiru, Bineen-si Wayyaanee nama nyaa-tu, bara haalli Oromoo akka ammaa kanatti qabsoof mijaa'aa hin turin sanitti.
Obbo Hassan Alii osoo wayyaaneen isa liqim-suu dandeessuu angoorra jirtuu, goota gaafii sabni Oromoo hanga ammaa gaafachaa jiru kana sodaa malee kan tarkaanfachiisaa tureefi Sabboonummaa fi quuqama Hassan Alii ilaaluun Wayyaaneen Pireeziidaantummaa naannoo Oromiyaa irraa gara Itti aanaa pireeziidaantiitti gadi buusuun, Kumaa Dammaqsaa pireeziidaantii godhachuun Oromiyaa qirca-chuuitti fufan.
Haala kanaan Hassan Alii Dhaaba yeroo san biyya bulchu keessatti Kophaa waan taheef, akka namoota biraatti callisee mindaa isaa nyachaa turuun odoo danda'uu cunqursaa sabaatiifi sharafama lafa Oromiyaa argaa jiraachuu sammuun isaa irraa fudhachuu diddee, ergarama sabaatiifi qircamuun lafa Oromiyaa hedduu isa dhukkubsaa turuun biyya gad lakkisee biyyaa bahuu filate.
▫️Hojiilee Obbo Hassan Alii bara Pireezidantummaa isaatti hojjate muraasni:
Wareegmtoonni Calii Calanqoo fi harka mu-raa fi harma mu-raan Aanoolee akka yaadatamuuf siidaa dhaabe.
Lafeen wareegamtoota Calii Calanqoo guiramee akka Awwaalcha argatu taasise.
🔘Magaalaan Finfinnee Magaalaa guddoo Naannoo Oromiyaa akka taatu taasisuuu.
🔘Afaan Oromoo heera mootummaatiin Afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaa akka tahu taasisu.
🔘Magaalaaleen akka Arbaa Guguufi Baalee Roobee, akkasumaas gobbaa Naf-xanyootaan falmamaa turte Ummata Oromoo qayeerraa buqqa'aan deebisee qubsisuu fi hojjattoota mootummaa Afaan Oromoo hin dubbanneef baajanni akka hin ramadamne taasisuu.
🔘 Obbo Hassan Alii isaatti Qubee Afaan Oromoo guutuu Oromiyaatti akka baratamtuuf Abbaa Qubee Afaan Oromoo Dr Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee Somaaliyaatti dubbisuun qubeen Afaan Oromoo akka baratamtu kan taasise yoo tahu, Alabaan mootummaa Naannoo Oromiyaa Dr Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee tolchan foyyeessuun hanga ammaatti dhaloonni Alabaa Oromiyaa Asxaa odaa qabdu akka farfatan nama taasise tahuun seenaan bara bulchiinsa isaanii ni yaadatti.
Kana malees pireezidantiin Oromiyaa jalqabaa Kabajamoo obbo Hassan Alii bara bulchiinsa isaanitti heerri mootummaa Itoophiyaa akka sabaafi Sablammoota biyyattiitiif tahutti nama fooyyesse keessaa adda dureedha.
Alaabaa lumuxii sirna gabroonfataa ifaan fatti falmuun Alabaan Itiyoophiyaa yeroo sanii heera mootummaatiin Asxaa ammaa tana qabaachuun akka foyyoytuus nama taasise tahuun seenaa ummata Itoophiyaa fi Oromoo biraatti galmeeffachuu dandayeeti jira.
Lami Media muddee 29/2025.