04/09/2026
MALLATTOOLEE DHIBEE SIHIRII :
``````````````````````````````````````````````````
Jalqabni maqaa rabbii guddaafii gaarii gara laafessa taheetiin🎤.
- Mallattooleen sihiriin sitti jiraachuu ittiin beektu beeyyeetu jira mallattoo qabaannaan sihiriin sitti jirti jechuu miti qur'aanaafii dawaalee biraa fayyadamtee adda baasuufii yaalamuun nidanda'ama.
MALLATTOOLEE DHIBEE SIHIRII:
Sihiriin kan namatti dalagamtu (Dalagaa keessatti,Fuudha keessatti,Ilmoo akkan arganneef) Dhukkubbiin kan muldhatu ija namaa, hisdii fii dalagaa sihirii(harka namaatiin) kan nama dararuudha.
- Dalagaan sihirii karaa ittiin sitti dalagamu nyaata ykn dhugaatii, qilleensarratti biifuun dalagamuu danda'a .
- Rabbi jaraaf hin milkeessinii Darbee darbee suuraalee namaatiifii bilbila harkaatiin sitti dalagamuu danda'a.
- Rabbitti maganfannaa Sihirii gosa lamatu jira sihirii jabduu tan hanga lubbuu namaa baasuutti geessuu fii laaftuutu jira .
- Mallattooleen isii -:
1- Rakkooleen mana keessatti jaarsaaf jaartii ,ilmaaniifii maatii woliin baayyachuu.
2- Rakkoo/mashaakilaa dalagaa keessatti sababa tokko malee argamuudha ykn rakkoon xixiqqoon dhimma guddaa tahee argamuudha.
3- Rakkoon fayyaa keessatti (Rifeensi harca'uu _dadhabbii qaamaa _hirriba dhabuu)Abjuudhaan hayawaanoota nama sodaachisn yoo jiraate miidhaa sheexaanaa akka tahe hin wollaalin yeroo baayyee budaafii hisdii miti mallattoolee sihiriiti.
4- Namummaan sababa tokko malee yoo sijibbe namarra adda baatee yoo jiraachuu filatte.
5- Sababa xixiqqoodhaaf Cinqiidhaafii jeeqamuun yoo jiraate.
6- Rizqii keessatti rakkoon yoo jiraate(dalagaa, baasiifii galii , ta'aabiin keetiifi wonni argattu yoo wol hin madaalin) shakkiin nijiraata.
7- Dargaggeessaafi dargaggeettiidhaaf (gaaila keessatti rakkoon jiraachu sababa malee namni sirraa goruufii kkf).
8- Ilmoo argachuukeessatti sababa hin beekamneen rakkoon jiraachuufii karaa fayyaatiin fayyummaan jarsaafi jaartii guutuu yoo tahe.
9- Jaarsaafi jaartii woljaalatan gedduutti sababa gahaadhaan maletti wolbaqachuu.
10- Dhukkubni dugdaa gama gadii tiifii ceekuurra yoo jiraate ija namaa taha .
- Miila naannoo jilbaafii gara koomee yoo tahe hisdii fii hinaaffaadha.
- Garaadhukkubbii bokoka fedhii nyaataa dhabuu fii dhahannaan onnee dabaluun aqqisaafii abjuudhaan jeeqamuun yoo jiraate mallattoolee sihiriiti.
11- Yaaddoo baayyisuufii dhiphachuu xiyyeeffannoo dhabuu.
12- Dhukkubsataan yeroo hunda foolii jibbisiisaa sababa malee yoo itti dhagahame ,mana keessa ,bootaa dalagaafii makiinaa keessatti.
13-Sihiriin kun rabbiin hin mijjeessiniifi malee dhukkubbii hamaafii, maraattummaa fii gara du'aatti nama geessa.
Sihiriin dalagaa sheexaanaa woliin wolii galteedhaan dalagamuudha kanaafuu qur'aana rabbiitiin balleessuun nidanda'ama.
- Ani wonnin jedhu mallattooleen amma dubbanne yoo jiraate xiyyeeffannoo keessa galchuun barbaachisaadha .
[Rabbiin isin haatiksu dalagaa saahiree haaballeessu]
Dawaalee fii barnoota argachuuf page kanaa gadii kana godhaa hordofaa.
godhaa obboleewwan keessan biraan gahaa.
✍️ Faris
✍️ Uzefi Faris