Global News

Global News National and Middle Eastern affairs news.

💥Himatamaan Hospital keessa iddoo tajaajilamaan rafuttii bilbilaa kiisaa fuudhe kaamera nageenya hospital qabame hidhaa ...
12/03/2026

💥Himatamaan Hospital keessa iddoo tajaajilamaan rafuttii bilbilaa kiisaa fuudhe kaamera nageenya hospital qabame hidhaa salphaa Waggaa 1 fi ji'a 6tiin adabame.
⚖️Oolmaa dhadachaa guyyaa arraa bitooteeysa 2/2018
👉Himatamaan maqaan isaa Murataa Ahmad Abdullaa jedhamu gaafa guyyaa 22/06/2018 ganama keessa tilmaamaan toora sa'aa 12:00 yo tahu Aanaa Gurawaa Araddaa Bulchiinsa Magaalaa Gurawaaa iddoo addaa Hospital WaliiGalaa Gaara Mulataa jedhamu keessatti miidhamaa dhuunfaa maqaan isaa Anas Sharaf Mahammad jedhamu hospital nama fiduun iddoo inni dadhabee rafaa jirutti bilbilaa gosti isaa Samsung Galaxy M14 taate kiisaa fudhata miidhamaan Kuniis yeroo hirriiba ka'utti bilbilaa isaa akkuma dhabeen hospital yeroo himu battaluma sanatti kaameran nageenya hospital ilaalamuun Himatamaan Kun bilbilaa sana akka fuudhe baramuun eeruun Waajjira poolisii Aanaa Gurawaaf dhiyaachuun Himatamaan Kun qabamee bilbilaa fuudhuu isaas amanee iddoo bilbilli ka'ee jiruu bilbilaa fuudhee kanumaan galmeen irratti qoratamtee xumuramuu Abbaan Alangaa Aanaa Gurawaa Himatamaa kana Yakka hannaa raawwatee jechuun Seeraa Yakka MFDRI bara 1996 fooyya'ee bahe keewwata 665/1 jalatti himannaa hundeesses mana murtii Aanaa Gurawaatti kan dhiyeesse yo tahu mirgi Himatamaa hundi eeggameefii ragaan Abbaa Alangaa namaa fi viidiyoo kaamera nageenya 🏥 waraabame erga irratti dhiyaate booda himatamaan Kun ragaa ittisaa akka qabu gaafatamnee hin qabuu jechuun dhadachaaf kanumaan dhadacha gaafa guyyaa 02/06/2018 ooleen adabbii Himatamaa kanaafi fakkatota isaa ni Barsiisaa namoota biroos ni akeekkachiisaa jechuun itti amane adabbii hidhaa salphaa Waggaa 1 fi ji'a 6tiin adabame Jira
Haqaan Haqaaf Haa Hoojjannuu ❗
Abbaa alangaa aanaa gurawwaa

10/03/2026
Yakka Ajjeechaa Haadha Irratti Raawwatameef Murtiin Hidhaa Umrii Guutuu KennameManni Murtii Ol’aanaa Godina Arsii Lixaa ...
10/03/2026

Yakka Ajjeechaa Haadha Irratti Raawwatameef Murtiin Hidhaa Umrii Guutuu Kenname

Manni Murtii Ol’aanaa Godina Arsii Lixaa himatamaa haadha isaa irratti yakka ajjeechaa suukanneessaa raawwate hidhaa cimaa umrii guutuu akka adabamu murteesseera. Murtiin kun himatamaa barsiisuu qofa osoo hin taane fakkaattota isaa akka akeekkachiisu ibsameera.

Himatamaan Amaaanaa Nabii Daaluu jedhamu, Seera Yakkaa bara 1996 fooyya’ee bahe kewwata 539(1)(A) cabsuun yakka ajjeechaa raawwachuun himatameera.
Akka himannaan ibsutti, himatamaan kun Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii, Ganda Qotee Bulaa Maraaroo Hawwiloo bakka addaa Zoonii 1ffaa jedhamutti haadha isaa Madiinaa Jiloo jedhamtu ajjeeseera. Himatamaan kun asiin dura illee “si ajjeesa” jechuun itti dhaadachaa akka turee fi yeroo kanas“qarshii naa kennuu didde” jechuun albeedhaan morma ishee muree haala suukanneessaa ta’een ajjeesee ture. Erga ajjeeseen booda reeffa ishee akka hin mul’anneef galabaa midhaanii irra uffisuun dhoksee miliquuf yaalus, eeruu hawaasaa fi hordoffii qaamolee nageenyaatiin too’atameera.

Kutaan qorannaa Aanaa Nageellee Arsii Abbaa Alangaa waliin ta’uun galmee shakkamaa qorachaa erga turanii booda ragaalee barbaachisu qindeessuun qaama dhimmi ilaallatuuf erguu isaanii Itti Gaafatamaan Kutaa Qorannaa Yakkaa Waajjira Poolisii Aanaa Nageellee Arsii Itti Aanaa InspeektarHuseen Bushuraa ibsaniiru.

Manni Murtii Ol’aanaa Godina Arsii Lixaa ragaalee dhiyaatan bitaa mirgaa ilaalee erga qorateen booda, himatamaan kun akka barsiisu fakkaattota isaa immoo akka akeekkachiisu jechuun sagalee guutuun hidhaa cimaa umrii guutuu akka adabamu murteessee jira.

Hawaasnis gochi akkasii safuu hawaasaa Akka cabsuu hubachuun, namoota gochoota kana fakkaatan raawwatan yookaan raawwachuuf yaalan irratti eeruu kennuun qaamolee nageenyaa cinaa akka dhaabbatan dhaamamee jira.
Odeeffannoo wayitaawaa bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Magaalaa Gindhiir FOLLOW ykn JOIN go

‎ ‎Bulchaan Araddaa kara seeraan alaa ta'een nama hidhe adabbii hidhaa cimaa waggaa shanii(5) fi ji'a torbaan(7) adabame...
10/03/2026


‎Bulchaan Araddaa kara seeraan alaa ta'een nama hidhe adabbii hidhaa cimaa waggaa shanii(5) fi ji'a torbaan(7) adabameera.
‎=========================
‎Guraandhala 30/06/2018 Baddannoo.
"Aangoon Ummatni Namaa Kenne Seeraan Bulchuuf Malee, Seeraan Ala Namoota Cunqursuuf Miti."
‎Himatamaan maqaan isaa Asraat Nagayaa jedhamu yakka karaa seeraa alaatin miidhamaa Dhunfaa Obbo Abdurhamaan Sharaf Hassoo jadhamu erga hidhe booda maatiin miidhamaa nyaataa fi dhugaatii fidanii illee akka nyaataa fi dhugaatii hin argannee miidhamaa dhorkee jechun eeruun waajjira poolisii Aanaa Baddannoo kutaa qorannoo yakkaatif dhihaatte kanumaan akkaatuma adeemsa seeraatin qorataan poolisii fi Abbaan alangaa waliin qorannaa ergaa xumuran boodaa waajjira Abbaa Alangaatti darbiudhan abbaan Alangaa murtii ergaa irratti kennee booda himannaa seeraa yakkaa biyyaa keenya keewwataa 423 jalattii banuudhan mana murtii Aanaa Baddannoottii dhiheessee galmee banuudhaan adeemsii seeraa barbaachisuu hunda keessa darbuudhaan mannii murtii guyyaa arraa ooleen adabbii Himatamaa ni barsiisa fakkaattoota akka isaa ni akeekkachiisa jedhe itti amane adabbii cimaa waggaa shan(5) fi ji'a torbaan(7)tiin adabameera.

​📢 Ergaa Keenya:
Hoggantoonni sadarkaan jirtan mirga namummaa kabajuu fi kabachiisuun dirqama keessan ta'uu hubattanii, seeraan qofa akka hojjettan isiniin jenna.
​"Haqaan Haqaaf Haa Hojjannuu!"
📍 Maddi: Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo fi yaadotni muraasni kan itti dabalamee dha

⚖️ Hidhaa Cimaa Waggaa 25!Intala Daa'imman ishee lakku boollati gatte!​Gocha Gara-jabeenyummaa Daa’imman Lakkuu Irratti ...
10/03/2026

⚖️ Hidhaa Cimaa Waggaa 25!
Intala Daa'imman ishee lakku boollati gatte!

​Gocha Gara-jabeenyummaa Daa’imman Lakkuu Irratti Raawwatameef Murtiin Haqaa Kenname.

​Oduu gaddisiisaa Godina Baalee Bahaa, Aanaa Laga Hidhaa, Ganda Dullachaa irraa maddetti, gocha gara-jabeenyummaa haala suukanneessaa ta’en daa’imman lakkuu ofii deesse irratti raawwatameef seerri murtee barsiisaa dabarseera.

​📌 Haala Yakkaa
​Himatamtuun Irkoo Alii Salaad jedhamtu, gaafa guyyaa 01/02/2018 halkan keessaa sa’aatii 10:00 irratti, iddoo addaa Laga Waabee jedhamutti:
​Daa’imman ishee kan ofii deesse lakkuu(dhiiraa fi durba).
​Umuriin isaanii ji’a lama (2) kan hin guunne.
​Gara-jabeenyummaan bishaan Laga Waabee keessatti darbuun ajjeesteetti.

​⚖️ Adeemsa Seeraa fi Murtii Mana Murtii
​Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Baalee Bahaa, gocha kana Seera Yakkaa bara 1996 bahe Kew. 539(1)(A) irra darbuun, itti yaadamee fi haala suukanneessaa ta'een raawwatame jechuun himannaa lama Mana Murtii Ol’aanaa Godina Baalee Bahaatti dhiheesse.

​Manni Murtichaas ragaa namaa fi barreeffamaa erga xiinxalee booda:
​Himatamtuun yakka kanaan Balleessituu ta'uu mirkaneesseera. Kanuma irra dhaabbachuun
​Akkaataa Qajeelfama Murteessa Adabbii Yakkaa Lakk. 3/2017 tiin, adabbii barsiisaa ta’e dabarseera.
​Haaluma kanaan, dhaddacha gaafa 27/06/2018 ooleen, himatamtuun hidhaa cimaa waggaa 25 (digdamii shan) akka adabamtu murteesseera.

​📢 Dhaamsa
​Yakkoota gara-jabeenyummaa dubartootaa fi daa'imman irratti raawwataman ittisuuf, seerri hamma jiruutti deebiisaa ni kenna. Gocha akkasii irratti eeruu kennuun fi waliin ittisuun dirqama hunda keenyaati.

​"Yakka daa'immanii fi dubartoota irratti raawwatamu waliin taanee haa ittisnu!"

​📍 Maddi: Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Meettaa

By Asleddin Ahmed

« taatee amma uumamte kanaan biizii tahuu dhabuu fii oduu waa'ee isii takkaan takkaan hordofuu irraa garagaluun kee taat...
10/03/2026

« taatee amma uumamte kanaan biizii tahuu dhabuu fii oduu waa'ee isii takkaan takkaan hordofuu irraa garagaluun kee taatee amma deemaa jirtu irratti jijjiirama tokkollee hin fidu. Waqtii barakaa tana keessa kheeyriilee fii ibaadaalee irraa heddummeeyfachuu irraa garagaluu fii taatee amma argameen biizii ta'uun kee immoo sawaaba hedduu,ajrii gurguddoo fii kuusaa kheeyrii hedduu si dhabsiisa. Intabih! Yaa'iin amma deemaa jirtu daqiiqaalee ji'a faayidaan maletti kan darbe si harkaa hin taasisin.»ღ



Ramadan 13,1447H

Qatar biyya jalqaba waanjoo Amerikaa jalaa ba'uuf deebii kennite taateetti.Mootummaan Qatar ibsa karaa Muummicha Ministe...
08/03/2026

Qatar biyya jalqaba waanjoo Amerikaa jalaa ba'uuf deebii kennite taateetti.

Mootummaan Qatar ibsa karaa Muummicha Ministeeraa fi Ministira Dhimma Alaa isaa Sheikh Mohammed bin Abdulrahman bin Jassim Al Thani'n kenneen Ameerikaafi I-zrael deeggaruun waraan*atti akka hin seenne ibseera.

"Ollaa keenya irratti lola tokkollee akka hin banne ifa gooneerra" jedhan Sheikh Mohammed bin Abdulrahman bin Jassim Al Thani.

© Amar Temam

Assalamu Alaikum I live in California USA 🇺🇲 and I Reverted in November of 2023. For me it all started on social media, ...
08/03/2026

Assalamu Alaikum I live in California USA 🇺🇲 and I Reverted in November of 2023. For me it all started on social media, I was seeing alot of the atrocities taking place in Palestine and although watching the suffering broke my heart it peaked my curiosity in Islam. Watching all of the Palestinian people cry out to Allah and be so steadfast in their faith no matter the hardships they were facing moved me. After a couple of weeks I went out and purchased a Quran.

I have read the Bible 3 times in my life however it always confused me more than anything. Christianity had never made sense to me, however once I started reading the Quran it felt like for the first time my eyes and heart were opened. I was hooked completely, Islam just made sense to me. It had answered all of the questions that had never been answered by reading the Bible. For so long I was terrified of death, but after reading the Quran it took all of my fear away. Alhamdulillah I have never felt at peace the way I do now.

I started taking notes and learning how to pray. My first time praying I stayed in prostration after my prayer and cried, I had never felt that kind of connection before. It felt as though all of my worries and fears had been lifted. I reached out to my local Mosque and took my Shahadah not long after. Thanks to Allah leading me to Islam I have found it in my heart to reach out to my family who I have spoken to in years and not only forgive those who have hurt me but also ask forgiveness for those I have hurt as well. This peace and comfort that I have found in Islam is unremarkable there is nothing like it and I am so thankful to be on the path that I am now. This will be my first Ramadan and I cannot wait to experience it.

May Allah guide you sister always to the right path and bless you. Aameen 🤲

convertedtoislam

Address

Adis

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Global News posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Global News:

Share

Category