10/02/2026
Filannoo Qofaadhaan - Sagalee Tokkoo Hanga Ijaarsa Biyyaatti!
**********************************
Itoophiyaan riqicha kaleessaa, abdii har’aa fi bu’aa ida’ama guddummaa boruuti.
Ogummaa fi muuxannoo biyyummaa barootaaf ture qabaannus, cabiinsiwwan yeroo ceehumsa siyaasaa muudatan garuu waggoottaniif gatii nu kaffalchiisaniiru.
Filannoon Waliigalaa bara 2018 filatamu, shaakala Dimookiraasii kan itti guddifannu fi aadaa siyaasaa keenyaa itti gabbifannu ta’uu qaba.
Abdii Keenya, Filannoo Keenya
Itoophiyaan seenaa gadi fagoo qabdu irraa dhugaan hubannu tokko ni jira:- Biyyi cimtee kan dhaabbattu fedhii uummataa fi waliigaltee walootiini malee humnaan miti.
Kanaafuu, filannoon baranaa:
1. Cabiinsawwan Suphuuf:- Qawweedhaan otoo hintaane, waltajjii ol’aantummaa yaadaatiin ittiin dubbanudha
2. Waliigaltee Biyaalessaa Uumuuf:- Dhimmoota biyyaa
ijoo ta'an irratti kaardii keenyaan murteessinee mana keenya waloo kan itti cimsannuudha.
3. Muuxannoo Abdiidhaaf:- Duudhaalee aadaa fi muuxannoowwan qabnu akkasumas muuxannoo biyyummaa dheeraa Dimookiraasii amayyaa waliin qindeessinee kan itti agarsiifnu carraa seenaati.
Filannicha irratti dammaqinaan hirmaachuu jechuun, jireenya biyyaatiif bu’uura cimaa kaahuu jechuudha.
Seenaan gateettii keenya irra jira; biyyi dhalootaaf dabarsinu ammoo kaardii harka keenyarra jiruun murtoofti.