Lidetah garab magaalak leeda missoynah luddi kutbeh buxa

Lidetah garab magaalak leeda missoynah luddi kutbeh buxa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Lidetah garab magaalak leeda missoynah luddi kutbeh buxa, Arts and entertainment, Addis Ababa.

11/02/2026

የብልፅግና ፓርቲ የ7ኛው ጠቅላላ የምርጫ ምልክታችን የሆነውን "የስንዴ ነዶ" በዛሬው ዕለት ይፋ አድርገናል።

"የስንዴ ነዶ"
የመደመር፣
የምርታማነት፣
ከተረጂነት የመላቀቅ ፣
የተምሳሌትነት፣
የልዕልና፣
የሉዓላዊነት፣
የበረከትና የብልፅግና ምልክት ነው።

Mallattoo keenya filannoo waliigalaa 7ffaa Paartii Badhaadhinaa kan ta'e "Nadoo Qamadii" guyyaa har'aa ifoomsinee jirra.

"Nadoon qamadii"Mallattoo
Ida'amuu,
Oomishtummaa,
Gargaaramummaa irraa bahuu,
Fakkeenyummaa,
Guddummaa,
Birmadummaa,
Eebbaa fi Badhaadhinaati.

Boru bu'aa carraaqqii har'aati ‼️========= // ===========Jalqabni gaariin kaleessaa fi har'aa hundi Boru keessatti firii...
10/09/2024

Boru bu'aa carraaqqii har'aati ‼️
========= // ===========
Jalqabni gaariin kaleessaa fi har'aa hundi Boru keessatti firii godha. Kanaafi ;Boru ce'umsa yeroo fi dhalootaa keessatti mallattoo abdii kan ta'e.

Bu’aa ba’ii kaleessaa fi carraaqqiin har’aa damee Siyaasaa, Dinagdee, Hawaasummaa fi Dippilomaasii irratti taasifamaa jiru abdii Boruuf furmaata waan ta’eef, Hegereen gatii guddaa qaba.

Imalli Badhaadhina keenyaa fedhii amma jiru guutuu qofa osoo hin taane, fedhii yeroo dheeraa Hegeree ; ilaalcha keessa galchuu waan ta’eef Dhaloonni itti aanu wiirtuu ijaarsa Biyyaati.

IDA'AMUU                         ********Ida’amuun yaadama ilaalchaa fi yaadota garaa garaa qixaan keessummeessuu danda’...
06/08/2024

IDA'AMUU
********
Ida’amuun yaadama ilaalchaa fi yaadota garaa garaa qixaan keessummeessuu danda’u yemmuu ta’u, yaadni kallattii adda addaatiin ka’u kamuu, eessaa, eenyu irraa dhufe jechuu caalaa yaada akkamiiti ilaalama jedhu hordofee yaadichi biyya ceesisuu ni danda’a moo hin danda’u jedhee keesummeessuudhaan faayidaa biyyaalessaatiif kan oolchu, yaadama hunda hammataa fi hirmaachisaa ta’edha.

Gama biraatiin ida’amuun biyya keenya keessatti humni ykn qabeenyi hin fayyadu jedhamu kamuu akka hin jirre kan hubachiisu yemmuu ta’u, humnaa fi qabeenya kana sirnaan sassaabuu, kuusuu fi dagaagsuudhaan ce’umsa har’aa qofaaf osoo hin ta’in dhaloota boruutiifis akkaataa galaa ta’uu danda’uun sirnaan itti fayyadamuun murteessaa akka ta’es ni akeeka.

Fonqolchi mootummaa Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu hinmilkaa’u-Dooktar Abiy AhimadFonqolchi mootummaa Itiyoophiyaa kee...
04/07/2024

Fonqolchi mootummaa Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu hinmilkaa’u-Dooktar Abiy Ahimad

Fonqolchi mootummaa Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu kan hinmilkoofne ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimma nageenyaa biyyattii ilaalchisuun ibsa paarlaamaaf kennaniin Itiyoophiyaan barootaa dheeraaf maraamartoo waraanaa keessa kan dabarte ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan wareegamaa nageenyaaf kaffalamu kamuu kaffaluuf qophii ta’uus kaasaniiru.

Yeroowwan darbanittis mootummaan nageenyaaf dursa kennuun gara bal’inaan fageenyaa dheeraa imaluu kaasaanii, Itiyoophiyaa keessaatti walitti bu’iinsaa fi waraanaan aangoo qabachuun gonkumaa akka hindanda’amnes dubbataniiru.

Itiyoophiyaaf kan wayyu yoomiyyuu nagaa fi karaa tasgabbaa’aan mari’achuun rakkoolee furuudha jedhan.

Keessumaa nageenyaa Naannoo Oromiya fi Amaaraa ilaalchisuun ibsa kennaaniin, qaamolee hidhatanii naannolee lameen socho’an karaa nagaatti akka deebi’aniif tattaaffiiwwan olaanaan hanga jaarsummaa itti erguutti mootummaan yaalii taasisuu ibsaniiru.

Ammallee rincicummaan kan mul’atu ta’us, mootummaan akkumaa yeroo kamuu mariidhaaf qophii ta’uu irra deebiin ibsaniiru.

"Kilaashii sadii qabatanii kiiloon 4 itti mul’atee kanneen sochii taasisan, wayita qimmiidaman ajjeechaa jumlaatii jedhu" kan jedhan Ministirri Muummee, mootummaan karaa qaroomeen mariidhaan akka furaman dursa kennuu akka dadhabinaatti ilaalanis, mootummaan kan kaleessaa caalaa jabaatee ijaaramuu himaniiru.

Fonqolchi mootummaas kana booda Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu akka hinmilkoofnee kaasaniiru.

Gama biraatiin waliigaltee Piriitooriyaa ilaalchisuun ibsa kennaniin waliigaltichi aadaa jijjiiramaa kan fideedha jedhaniiru.

Dhukaasa dhaabuun tajaajiloota jiran eegalchiisuun bu’aaleen hedduun argamuu kasaniiru.

Baankota, daandii xiyyaaraa, teelekoom dabalatee tajaajila eegalchiisuun eeraniiru.

Bu’uura waliigaltichaan lammiilee sababa walitti bu’iinsichaan buqqa’an gara qe’ee isaaniitti hojin deebisuu eegalamuu kaasaniiru.

Jalqabbiin kunis cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Hanni gufuu fi salphina – MM Dooktar Abiy AhimadHanni gufuu fi salphina guddaa ta'uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abi...
04/07/2024

Hanni gufuu fi salphina – MM Dooktar Abiy Ahimad

Hanni gufuu fi salphina guddaa ta'uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Akka mootummaatti hanni raawwatame hin jiru, kana qaamni kamuu sakatta’uu fi qulqulleessuu danda’a jedhan.

Ummata Itiyoophiyaa hin hannu, waan dandeenyuun misoomsuuf hojjechaa jirra jedhan.

Hanni farra guddina Itiyoophiyaa ta’uu qaamni kamiiyyuu sirnaan hubachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Piroojektoota misoomaa hojjetamaa jiranirratti hanga danda’ame hordoffiin taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.

Seerri kana dura ture hattootarratti tarkaanfii fudhachuuf rakkisaa kan ture ta’uu eeraniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 36ffaa bara hojii 3ffaa bara Paarlmaa 6ffaa  gaggeessee eegaleera.Wal...
04/07/2024

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 36ffaa bara hojii 3ffaa bara Paarlmaa 6ffaa gaggeessee eegaleera.

Walga’ichaan gabaasa raawwii karoora bara 2016 fi haala yeroo irratti gaaffiifi yaada miseensota mana marichaarraa ka’aniif, Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahimad deebiifi ibsa bal’aa ni kennu.

Dabalataan wixinee baajataa bara 2017 mootummaa federaalaa ilaalchisuun gabaasaafi yaada murtee Koreen Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii, Baajataafi Faayinaasii dhiyeessu dhaggeeffachuun ni raggaasisa jedhamee eegama.

Misooma Diinagdee Haqa-qabeessa fi Qulqullina Qabuu Milkaa'ina Imala BadhaadhinaafGuddinni diinagdee biyya keenya qonna ...
13/03/2024

Misooma Diinagdee Haqa-qabeessa fi Qulqullina Qabuu Milkaa'ina Imala Badhaadhinaaf

Guddinni diinagdee biyya keenya qonna qofaa irratti bu'uureffate guddina itti fufaa fi haqa qabeessa fiduu akka hindandeenye imala diinagdee biyya keenyaa darban irraa hubachuun nii dandaa'ama. Kana sirreessuun badhaadhina hawwame milkeessuuf Paartiin Badhaadhinaa diinagdee dam-daneesssa hojiirra oolchuun humna guutuun gara misoomaatti seeneen bu'aawwan ajaa'ibsiisoon argamanii jiru.

Guddinni diinagdee keenya taatota diinagdee hundaan guddina madaalawaa kan uumu,qulqullina kan eeggatee fi ba'aa dhaloota dhufutti kan hindabarsine diinagdee bu'uura cimaarra dhaabbate ijaaruuf gama hundaan hojjetamaa jira.
Akkasumas biyya kana keessatti dameen dhuunfaa hirmaannaan isaa gad aanaa tures hirmaannaa olaanaa akka qabaatuuf hojiin hojjetamaa jiru abdachiisaadha. Kunis diinagdeen keenya idaarraa kan adda bahee fi faayinaansii fayyaalessa kan hordofe akka ta'u bu'uurarraa kan hojjetamu ta'a.

Guddinni Diinagdee ijaaramaa jiru kunis qonnaan bultootnii fi horsiisee bultootni,dubartootnii fi dargaggootni fayyadamtoota haqa qabeessa akka ta'an hojjetamaa jira. Kanarraa ka'uunis Qaamoleen hawaasaa hundi addumatti dargaggoitni abdii isaan Paartii Badhaadhinaarratti qaban daran dabaluu danda'eera.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Lidetah garab magaalak leeda missoynah luddi kutbeh buxa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share