02/12/2025
Dookmantarii Filmiin Wareegamtoota Qabrii Soddomaa guyyoota 820 fudhate qophaahee jiraachuun dhagayame
Lami Media, ( Mud 2/2025 ), Qabriin Soddomaa iddoo Awwa-lcha gootota ilmaan Oromoo bara 1970'ota keessa Godina Harargee Lixaa Aanaa Daroo Labuutti mootummaan Abbaa Irree-tiin wareegaman, gootonni Oromoo 30 boo-lla tokkotti Awwalaman yoo tahu, seenaan wareegama ilmaan Oromoo boo-lla tokkotti Awwaa-lamanii wagga 2 dura Kitaabni Seenaa Qabrii Soddomaa Fixa-Baas Muussee Usmaaniin barraahuun ummata bira gahuun ni yaadatama.
Turtii ji'oota hedduu kan fudhate seenaan wareegamtoota qabrii Soddamaa akkasumaas qabsoon gootota qabrii soddomaa turtii ji’a 27 ykn guyyoota 820 fudhate qophaayee ummata biraan gahuuf qophiirra jiraachuun ibsame.
Dokmantariin Filmiin Seenaa wareegamtoota Qabrii Soddomaa kun barreessaa kitaabichaa kan ture Usmaan ( Gurraacha Oromoo Afrikaa )'tiin kan qophaaye yoo tahu, filmii seenaa kana keessa taatewwan qabsoo Oromoo keessattuu kan Oromoota bara san gatiin wareegama lubbuu kafalan kan dhiyaatu tahuunsaas ibsameeti jira.