Ethiopian Urban Engineering

Ethiopian Urban Engineering Urban engineering typically involves the planning, design, and management of infrastructure systems in urban areas.

This may include aspects such as building ,transportation, water supply,
https://www.gurshahub.com/ethiopianurbanengineering https://youtube.com/channel/UCQEx7c_XVAKZS7d-8cRnJFA

09/07/2026
09/07/2026
09/07/2026
የመዲናዋ አዲሱ የውበት ማዕከል፤ የቀበና የወንዝ ዳርቻ ልማት /Bishaan Qabbanaa
09/07/2026

የመዲናዋ አዲሱ የውበት ማዕከል፤ የቀበና የወንዝ ዳርቻ ልማት /Bishaan Qabbanaa

09/07/2026

"Magaalaa Shaggaritti bara baajataa 2018tti galii birrii biliyoona 39.7 walitti qabuun danda'ameera" Obbo Malkaamuu Ambawuu
---
Galiin wantoota guddina biyya tokkoof murteessummaa olaanaa qabanidha. Kunis bu'uuraaleen misoomaa fi tajaajilootni hawaasaa babal'isuun badhaadhinni hunda-galeessaa fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabudha.

Kana malees, galii biyyaa dabaluun bu'uuraalee misoomaa babal'isuu akkasumas hawaasni tajaajila si'ataa, dorgomaa fi ammayyaa'aa ta'e akka argatu taasisuuf faallaa kanaan ammoo wayita maddeen galii quucaran babal'inni bu'uuraalee misoomaa fi tajaajiloota hawaasaa harkifataa ta'uun fayyadamummaan uummataa akka xiqqaatu taasisa.

Sassaabbii galii milkaa'aa taasisuufis sirna bulchiinsaa fi sassaabbii galii akkasumas hubannoo kaffaltoota taaksii fi gibiraa cimsuu fi hojiin qindoomina seektaroolee murteessaadha.

Bulchiinsi Magaalaa Shaggaris erga hundaa'ee eegalee, pirojektoota gurguddoo, misooma kooriidarii, bu'uraalee misoomaa diriirsuu fi miidhagina magaalaa bal'inaan raawwachaa jira.

Magaalichatti fedhiiwwan misoomaa bal'aa kanaan dura jiran hamma danda'ametti dandeettii ofiitiin deeggaruu fi guddina waliigalaa magaalichaa ariifachiisuuf, dandeettii galii keessaa guddisuun hojii manaa dursa kennamaafii turedha.

Haaluma kanaan, Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa kanatti galii birrii biliyoona 39.7 walitti qabuusaa Waajjirri Galiiwwan Magaalichaa beeksiseera.

Waajjirichi bara baajataa kanaan galii ol'aanaa kana walitti qabuun isaa, pirojektoota misooma magaalichaa dandeettii ofiitiin raawwachuu fi gaaffiiwwan bu'uura misoomaa uummataa deebisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf milkaa'ina guddaa akka ta'etti amanama.

Itti Gaafatamaan Waajjira Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalichaa Obbo Malkaamuu Ambaawu akka ibsanitti, bulchiinsa magaalichaa keessatti bara baajataa kanatti waliigala galii biiliyoona 39.6 walitti qabuuf karoorfamee birrii biliyoona 39.7 sassaabuun kan danda'ame tahuu ibsaniiru.

Bara baajataa kanaan maddoota galii adda addaa irraa galii birrii biliyoona 39.7 walitti qabuun karoora qabame dhibbentaa 100 ol milkeessuun kan danda’ame tahuu dubbataniiru.

Haalli walitti qabinsa galii kun kan milkaa’e, sirna sassaabbii galii fooyyessuu fi damee kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu, kaffaltoota gibiraatiif hubannoo walitti fufiinsa qabu uumuun ta’uu ibsaniiru.

Kanaan alatti, barmaatilee nagahee seeraa kutuu guddisuu fi teknoloojii babal'isuun, kaffaltoonni gibiraa gibira isaanii karaa iftoominaa fi amanamumma qabuun akka kaffalan haalli mijeeffamuu isaatiinis jedhan.

Yeroo ammaa kanatti kaffaltoonni gibiraa ol'aanoon 400 ol bakka jiran taa’anii karaa dijiitaalaatiin gibira fi kaffaltii isaanirraa eegamu raawwachuu danda'uu isaaniis eeraniiru.

Al-seerummaa ittisuuf hojiiwwan hojjetamaniin, bara baajataa kanaan daldaltoota karaa seeraan alaatiin socho'anii argaman ja'a(6) irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuus ibsaniiru.

Dabalataan, nagahee seeraa kutuu dhabuu isaaniitiin kan ka'e, daldaltoota 240 irratti adabbiin maallaqaa fi bulchiinsaa akka raawwatame ibsanii, fuula durattis hojmaata dijiitaalaa ammayyeessuu fi maamiltoota biratti hubannoo uumuurratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru.

Akka waliigalaatti, deeggarsaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu gaggeessuu dabalatee hojiin seektaraalee qindoominaa waliin hojjetame milkaa'ina hojichaaf kan tumse ta'uus ibsaniiru.



Odeeffannoo keenya argachuuf:

Facebook: https://www.facebook.com/share/1GyEnviMWw/

Telegram: https://t.me/shaggarcitymayoroffice

Tiktok:
tiktok.com/

WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VbCxFN6JZg490NyZcJ0f

Email: [email protected]

Website: https://www.shaggarcity.et

 #እንጦጦ !!!የፈጣሪ ጥበብ እና የሰው ልጅ ልፋት ሲደመር እንዲህ ያምራል። የሀገራችንን የተፈጥሮ እምቅ ሀብትና ውበት በተገቢው መንገድ አልምቶ ለዕይታ ማብቃት ትልቅ ኩራት ነው። አረንጓዴዋ...
09/07/2026

#እንጦጦ !!!
የፈጣሪ ጥበብ እና የሰው ልጅ ልፋት ሲደመር እንዲህ ያምራል። የሀገራችንን የተፈጥሮ እምቅ ሀብትና ውበት በተገቢው መንገድ አልምቶ ለዕይታ ማብቃት ትልቅ ኩራት ነው። አረንጓዴዋ ኢትዮጵያችን ለዘላለም ትውብ 🇪🇹 🙏

#አረንጓዴአሻራ፣ #አዲስአበባ፣ #የተፈጥሮውበት # Amazing

06/07/2026

Address

Engineeringurban@yahoo. Com
Addis Ababa

Telephone

+251991197222

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethiopian Urban Engineering posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category