14/06/2026
Jila Oromoo
Abbaan Gadaa Oromoo Tuulamaa Baallii aangoo walharkaa fuudhinsaa geggeessan. Madda dimokiraasii kan ta'e sirni Gadaa karaa nagaa aangoo waliif dabarsuun beekama. haaluma kanaan guyyaa har'aa Gadaan Meelbaa bara bulchiinsa isaa waggaa 8 xumuruun kan itti aanuuf dabarsee kenneera. Abbaan Gadaa Geetuu Taliilaa waggoota dhufan saddeet itti fufee bulchuuf Alangee fudhateera, jifuun kan Gadaa Michilleeti. Barri bara nagaa, walii galteefi jaalalaa akka ta'u hawwina.
Gadaan quufaaf Gabbina; Gabbisi Waaq!!