Oromo Theatre

Oromo Theatre Baga nagaan gara fuulbarruu Tiyaatira Oromootti nagaan dhuftan! Hiriyoota keessan affeeraa🙏
(2)

Fuula kana irratti dhimmoota Tiyaatira, Fiilmii, Taatummaa fi hojiiwwan aartii waliin wal qabatan kan irratti kaasnu ta’a.

Obbo Gaaddisaa WarquuNama jabaa kana meeqan keessantu beeka?
17/09/2026

Obbo Gaaddisaa Warquu

Nama jabaa kana meeqan keessantu beeka?

Kitaaba Gara Diraamaa walitti fufaattiAkkuma beekamu amma dura Dhaabbatni TV EBC kitaaba afaan Amaaraa “Fiqir Iska Maqaa...
09/09/2026

Kitaaba Gara Diraamaa walitti fufaatti

Akkuma beekamu amma dura Dhaabbatni TV EBC kitaaba afaan Amaaraa “Fiqir Iska Maqaabir” jedhamu gara Diraamaatti deebisanii hojjachiisuuf naannoo qarshii Miliyoona 48 ol ramadee hojii eegalchiisee ture. Kanumaan walqabateef Diraamichi hojjatamee kutaawwan muraasni erga tamsaafamaniin booda dhimmi abbentaa ka’ee kutaawwan muraasa booda dhaabbachuun isaa ni yaadatama. Yaa ta’u malee kutaawwan diraamichaa darban keessatti fudhatamni inni daawwattoota biratti argate salphaa hin turre.

Yeroo ammaa kana ammoo dhaabbatni Tv Hagaree jedhamu kitaaba Beekamaa “Konjowochu” jedhamu gara Diraamaa Tv walitti fufaatti deebisanii hojjachuu irratti akka argaman bifa oduu cabsaatiin kennaa ayyaan waggaa jechuun dhiyeessaniiru. Wanti kun guddina aartii keessatti shoorri inni taphatu salphaa miti.

Gama Tv Afaan Oromootti yoo dhufne, yeroo ammaa ETV Afaan Oromoo (Hirkoo) fi AMN Afaan Oromoo (Bubbee)n ala sochiin tokkollee hin jiru. Lachuu ammoo siitkoomiidha. Dhaabbatni Tv Oromoo guddichi OBN yeroo diraamaa Kiyyoo booda yeroo dheeraf hojii diraamaa keessaa ba’eera. Kuni baayyee nama gaddisiisa. Yoo xinnaate Siitkoomii tokkoo fi Serial diraamaa tokko OBN dhaabbataan qabaachutu irra jiraata.

Yaada keessan nuuf qoodaa
Oromo Theatre

08/09/2026

Waa’ee aartii Oromoo maal yaaddu?

06/09/2026

Seenaa Gootota Oromoo keessaa Seenaan eenyuu Otuu Tiyaatiraan hojjatamee jettu?

Gaaffii?
05/09/2026

Gaaffii?

Tiyaatirri nama hundaaf miti!Nuti akka Sabaatti wanti gochaa jirru Tiyaatiroonni Afaan Oromoo baayyinaan hojjatamanii ja...
05/09/2026

Tiyaatirri nama hundaaf miti!

Nuti akka Sabaatti wanti gochaa jirru Tiyaatiroonni Afaan Oromoo baayyinaan hojjatamanii jaalattoota Tiyaatiraa bira akka ga’aniifidha. Namoonni filannoo bashannanaa kan biraa akka qabaataniifidha. Baayyina Uummata keenyaa keessaa namoota miiliyoona tokko ta’an kan Tiyaatira jaalatan uumufii isaanif waan kana baayyinaan dhiyeessudha. As keessatti gaaffiin ka’u yoo jiraate “Maalif Unmata Oromoo maraaf hin hojjatamu?” Ni ka’a. Deebiin isaa baayyee salphaadha. Tiyaatirri nama hundaaf hin hojjatamu. Namoota yaada qabaniif, namoota ija hubannoon ilaaluu danda’aniifi namoota aartii jaalatan qofaaf hojjatama. Tiyaatirri kan namootni filataman qofti ilaalanidha.

Garuu hojii manaa guddaatu nu eeggata. Ammatti hojiin Tiyaatiraa baayyinaan hojjatamee carraan namootaf dhiyaachuu isaa baayyee dhiphaa waan tureef namoota kanneen calallee baasuuf gaara guddaa tokkotu nu fuuldura jira. Kanaaf ammoo Dhaabbatni bulchiinsa Tiyaatiraaa magaalaa Finfinnee hojiin inni hojjataa jiru salphaa miti. Hojii kana ammoo caalatti Waajjirri Aadaa fi Turizimii Oromiyaa itti gaafatamummaa fudhachuun hojii Magaalaan Finfinnee hojjatu dachaan caalchisee hojjachuu qaba. Kuni akka ta’uuf ammoo dhiibbaa goona.

Oromo Theatre

የኮከቡ ሰውTiyaatira jechama “Tiyaatirri daawwattoota hin qabu” jedhu cabse. Tiyaatira daawwataan ilaaluuf irratti wal cacca...
03/09/2026

የኮከቡ ሰው

Tiyaatira jechama “Tiyaatirri daawwattoota hin qabu” jedhu cabse. Tiyaatira daawwataan ilaaluuf irratti wal caccabsu. Torbee torbeedhan iddoon guutee daawwataan kan deebi’u. Tiyaatira “Ye Kokkabuu Saw”

Tiyltaatira kana nama Kaarl Wiitliingar jedhamutu barreesse, Alamuu Gabraab ammoo haala ajaa’ibaan gara afaan Amaariffaatti madaqsee hiike. Qopheessaa Tiyaatiraa beekamaan Dagmaawwii Fayyisaa ammoo bifa dinqii ta’een waltajjiif dhiyeesse. Tiyaatira kana irratti Maskarama Abarraa, Amaanueel Habtaamuu, Fiqaaduu Kanbadaa fi Indaalaa Biraanuu irratti qooda fudhataniiru.

Tiyaatirri kun qooddattoota sadi qofaan kan hojjatamu yemmuu ta’u, taatonni achi keessatti qooda torbaa ol jijjiiramuun hojjatu. Tiyaatirri kun Kamisa yeroo hunda galma siinimaa Alamitti sa’aatii 12:00 irratti argisiifama. Warreen tiyaatira jaalattan seenaatii daawwadhaa.

Oromo Theatre

Aartii malee Guddinni hin dhufu!Addunyaa kana gubbaa biyyoota diinagdeen isaanii jajjaboo ta’an kamiyyuu yaa ilaallu. Bi...
03/09/2026

Aartii malee Guddinni hin dhufu!

Addunyaa kana gubbaa biyyoota diinagdeen isaanii jajjaboo ta’an kamiyyuu yaa ilaallu. Biyya guddoo addunyaa keenyaa Ameerikaa irraa kaasee, chaayinaa, Raashiyaa, Faransaay, Jarman, Ingiliziin dabalatee kanneen biroo keessatti aartiin shoora guddaa qaba. Aartii yemmuu jennu sirba, ogbarruu, shubbisa, Tiyaatira, Fiilmii of keessatti haammata. Biyyoonni olitti heerre kunneen bashannaanaf qofa miti kan isaan aartiitti dhimma ba’an. Aartiin diinagdeedha. Aartiin barnoota. Aartiin qeeqxu fi heertudha. Aartiin dammmaqsituudha. Aartiin hojiidha. Aartiin seeneffama. Aartiin meeshaa waraanati. Aartiin meeshaa dippiloomaasiiti. Aartiin soorata qalbiiti. Aartiin waan hunda.

Keessattuu ogbarruu, Fiilmii fi Tiyaatiraan wantoota heddutu hojjatama. Namootni tokko tokko yoom nyaannee dhugnee nageenya arganneeti kan aartiif yeroo qabaannu jedhu. Hubannoo dogongoraati jennee amanna. Aartiin biyya tokkoo yoo hin guddatin ofumaa yoo lafa tumuu ta’een ala guddinni hin dhufu. Hawaasni tokko guddateera kan jedhamu, qarshii qofaan otuu hin taane xiinsammuun akkasumas yaada isaan yoo guddatedha. Aartiin bar Ameerikaadhaf utubaa diinagdee ishee isa jabaadha. Aartiin bar chaayinaaf dhimma eenyummaafi sabboonummaadha. Aartiin bar Raashiyaaf agarsiistuu humna isheeti.

Kufaatiin biyya tokkoo kan inni dhufu dhaloota dubbisa irraa fagaate, dhaloota aartii hin beekne fi dhaloota aartiif gufuu ta’uuni. Mee meeqan keenyatu Fiilmii Afaan Oromoo jiran hunda ilaale. Mee meeqan keessantu Tiyaatira ilaalee beeka. Mee meeqan keessantu waggaatti kitaabota 5 fi sanaa ol dubbisa? Waa’een aartii kan akka salphaatti ilaalamu miti. Mootummaaun biyya kanaa iddoowwan artiif ta’an hedduu hojjatees hojjachaas jira. Garuu namootni iddoo sana hogganan namoota iddoo sanaaf malan ta’uu qabu. Unless lama dhabduu ta’uudha.

Oromo Theatre

SaddeetaTiyaatirri Afaan Oromoo mata dureen isaa Saddeeta jedhamu walitti fufiinsaan magaalaa Finfinnee keessatti sanuu ...
02/09/2026

Saddeeta

Tiyaatirri Afaan Oromoo mata dureen isaa Saddeeta jedhamu walitti fufiinsaan magaalaa Finfinnee keessatti sanuu mana tiyaatiraa Itoopiyaa isa jalqabaa kan ta’e Mana Tiyaatiraa Hagar Fiqir keessatti waltajjiiwwan 17 agarsiifamuu isaa fi ammallee waltajjiirra akka jiru quba qabduu laata? Jaalattoonni Tiyaatiraa waan kun ammam akka waan guddaa ta’e quba ni qabaattu jennee yaadna. Kanaafuu hundumti keenyayyuu Tiyaatira Saddeeta jedhamu kana ilaaluun dirqama keenya. Akkasumallee beeksisuun.

Akka carraa haalli nuuf mijatee Dilbata darbe galma Tiyaatiraa Hagar Fiqiritti argamnee Tiyaatira kana ilaaluu keenyatti baayyee gammachuu guddaatu nutti dhaga’ame. Tiyaatirri kun Yawubdaar Li’uulin barreeffamee Yidnaqaachoo Warquutin kan qophaa’e yemmuu ta’u, sadarkaa Tiyaatira Afaana Oromoo gulantaa baayyee fuulduratti butee hojjatameera jennee amanna. Tiyaatira kana irratti wantootni nuti baayyee itti gaddinee fi taajjabne hedduun jiraatus, Dhaabbanni hojii kana hojjisiise hojii guddaa ammamii akka hojjate waan hubate nutti hin fakkaanne. Sababni isaas namni hojii bishaan hin kaasne meeqaan social miidiyaa fi Miidiyaalee broadcast irratti gurra nu dhukkubsaa oola. Dhaabbanni manneen Tiyaatiraa Finfinnee garuu hojii guddaa Sadarkaa addunyaatti ilaalamuu danda’u hojjatee harka maratee taa’ee jira.

Dhaabbatichi beeksisa tasumaa waan hojjataa jiru miti. Fuula Facebook dhaabbatichaa yeroo sakattaanutti torbeetti guyyaa tokko qofa beeksisa isaa lakkisu. Kanneen afaan birootin hojjatanan faana wal bira qabnee yoo ilaalle tasumaa beeksifamaa hin jiru. Dilbata darbe yemmuu Tiyaatira kana daawwannetti namoota baayyinni isaanii 10 hin caalletu daawwataa ture. Kuni baayyee nama gaddisiisa. Miira taatotaa irrattis dhiibbaa guddaa akka uume ni beeksisa. Kana irratti taatonni tiyaatiricha keessa jiranis ta’ee dhaabbatichi hojii manaa guddaatu irraa eegama jennee abdanna.

Tiyaatirri Saddeetaa Dilbata dhufu sa’aatii 8:30 irratti galma Tiyaatiraa Hagar Fiqiritti yeroo 18ffaaf ni argisiifama. Maaloo namootni dandeenyu hundumti deemnee yaa daawwannu. Waa’ee Tiyaatira kanaa ballinaan kan itti deebinu ta’a.

Oromo Theatre

Deebinee Jirra.Torbee darbe amma miseensota 1000 gallutti boqonnaa baaneerra jennee akka nagaa sinitti dhaammanne ni yaa...
02/09/2026

Deebinee Jirra.

Torbee darbe amma miseensota 1000 gallutti boqonnaa baaneerra jennee akka nagaa sinitti dhaammanne ni yaadatama. Yeroo sinirraa fagaanne gabaabduu kana gidduutti garuu namootni baayyeen keessan akkas ta’uu akka hin qabne nuuf barreessaa turtan. Nutis yaada keessan fudhachuun baayyina namootaa caala maatii sirrii fi Aartiin galeef muraasa qabannee suuta guddachuu filanneerra. Amma booda akkuma amma duraa fi sanaa ol wantoota aartii Oromoof galaa ta’uu danda’an siniif dhiyeessuu keenya itti fufna.

Oromo Theatre

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Theatre posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category