19/06/2026
“Hammaadhee hammaadhus namarra hin hammaadhu jedhe bofti.”
Guyyaa tokko namicha karaa deemutti aduun dukkanoofnaan mana namaatti goree na bulchaa jedhee gaafate, Abbaan qe'ee sunis manni kan waaqi bulaa maal abbaashi jedheen, namichi ol seene. Yeroo kana bofti dallaa jala ciisee jiru tokko as bahee yaa warrana aduutu natti dhiyee anas na bulchaa jedheen, namichi abbaan qe'ee rifaatuudhaan akkas jedheen, ati bineensa, bineensa keessaayyuu bineensa isa hamaadha akkamittan si bulchaa jedheen, Yaa gooftaa koo ani hammaadhee hammaadhus nama caala hin hammaadhu jedheen jedhama bofti.