03/04/2026
jechuun tawhiidaan Rabbiif harka kennu, ajajamuun Isaaf masakamuu, shirkii fi warra shirkii hojjatan irraa qulqullaa’udha.”
“tawhiidaan Rabbiif harka kennu” jechuun gabrichi Rabbiin tokkichoomsu fi Isa qofa gabbaruun Isaaf harka kennu. “ajajamuun Isaaf masakamuu” jechuun wanta Rabbiin ajajee hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu. “shirkii fi warra shirkii hojjatan irraa qulqullaa’u.” Jechuun shirkii irraa bilisa ta’uu fi fagaachu. Shirkii irraa qulqullaa’un warra shirkii hojjatan irraayis akka qulqullaa’an barbaachisa.[7]
Islaamni utubaalee (arkaana) shan qaba. Isaaniis:
Laa ilaah ill-Allah Muhammadan rasulullah (Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, Muhammad Ergamaa Rabbiiti)” jedhenii ragaa bahuu.
Salaata sirnaan salaatu
Zakaa kennu
Ji’a ramadaanaa soomu
Namni hajju danda’u hajjii hajjuu
Amboti Bro