Synias

Synias Synias jechuun offit amanuu, of waaqefachuu jechuudha.Kaayyoon page kanaa falaasama ykn ilaalcha dhuunfaa ofii bifa gara garaatiin ibsachuudha

11/11/2021

Iji koo deebitee tan biraa naa laaltuu
Onneen koos gamasheen tan biraa hin jaalatu
Onneen koo tan duraan ishee malee jetu
Dhootee bahuuf taati yoo ishee argitu
Isheen garuu rakkoo kiyya kana hin beektuu
An miidhamaa jiraa isheen naahin hubattuu
Maaloo naa birmadhaa xiqqaa guddaan martuu
An rakkadhee jiraa maaliif na calliftuu
Mala wollaaltan moo beekaatuma dhiiftuu
Namni wonti akkanaa qunnameeru hin jirtuu
Maaluma malli koo isin mee maal jettuu

Natti hin callisinaa hunduu naaf birmadhaa
Rakkoo isheen qabdu dhaqaa naaf gaafadhaa
Balleessaa qabaadhu beekeen sirreeffadhaa
An yoomillee taanaan ishee ni jaaladhaa
Hadha na deessellee isheen dabarfadhaa
Najibbite jedhees waa abdii kutadhaa
Gaaf tokko naaf naati jedheetiin abdadhaa
Ammas abdii hin kutuu obsumaan eeggadhaa
Mee isin hundumtuu harka ol kaafadhaa
Siif haa laaftu jedhaa waaqa naaf kadhadhaa!!

09/11/2021

Keessashee hin qorannee bifashee filadhee
Nama naaf hin taane faallaakoo jaaladhee
Yeroo ofirraa gubee horiikoon taphadhee
Naatoo tokko malee hafe kaa gubadhee
Baayyeen ofitti aaree baayyeen of tuffadhee
Gaafuu ishee yaadaa yaadasheen gubadhee
Bakka hundatti hin gaddaa ishema yaadadhee
Gaafa tokko tokko ni booya dhoffadhee
Yoo namni na argu himachuu saalfadhee
Irraa dugda gala imimmaan haqadhee
Halkanis yoo rafu waa ishee dagadhee
Gaafuu isheedhuma kan argu eebjadhee
Guyyaas ciisaa oola boraatii hammadhee
Jaalalumasheetiin hoorayee gubadhee
Foon narraa dhumatee bifas gurraachadhe
Qophaa kankoo taa'ee yaadeetiin hifadhee
Gubatakoo har'a isiniif qoodadhee
Like naaf godhaa yoo garaa isin nyaadhe
Xiqqoo hin jajjabaadhaa commentii yoo argadhe
Sheeriis hin dhiisinaa hadaraa isin kadhee

30/10/2021
Woyyashee!!Kan nama ajaa'ibuu Kan abbaaf haadhasheeAkkami beekanii gaafa dhalootasheeHaalaan hubatanii keessoo namummaas...
29/10/2021

Woyyashee!!
Kan nama ajaa'ibuu Kan abbaaf haadhashee
Akkami beekanii gaafa dhalootashee
Haalaan hubatanii keessoo namummaashee
Sirri xiinxalanii moggaasa maqaashee
Maatii hunda keessaa jedhaniin woyyashee!
Beekeera worrishee sirriidha woyyashee!
Hayyuudha worrishee dhugaadha woyyashee!!
Halaalaa ilaaleen hawwe bareedashee
Garuu maalan godhaa ijoollummaa ishee
Akka mucaa dhabaa yoo boonsan worrishee
Garaan na bulluqaa yoo jedhan woyyashee
Beekeera worrishee dhugaadha woyyashee!!
Waan bareedinashee Kam himee Kam dhiisaa
Hundi uumamnishee nama gammachiisaa
Hundumarraa caalaa dheerini rifeensaa
Maramee gad-jigee duubeesheera ciisaa
Mi'aan sagaleeshee yoo ba'u ishee keessaa
Gurra nama tolaa onnee gammachiisaa
Gorora akka dammaa afaan ishee keessaa
Takkum xuuxatanii duunaan maal abbaasaa
Beekeera worrishee sirriidha woyyashee!!
Gaaf bareedina hiruu rabbiin siif dabarsee
Irra kee bareechee keessaa Kee faayessee
Haala Amala keetiin hunda si caalchisee
Sararee sararee bocee Wal qixxeessee
Lalistuu abaaboo birraa si fakkeessee Jaalalaan si guutee si uume midhaagsee
Hortee lafahaa guuttu haatummaan si deessee
Beekeera worrishee sirriidha woyyashee!!
Burqituu jaalalaa fakkeenya dubaraa
Tolchee uume rabbiin waa hin hambifne irraa
Jaalalatu maddaa hunda dhagna isheerraa
Kuullee ija kuulaa tan mudhii migiraa
Eerga gaaf si argee qalbiin Koo si birraa
Fala naaf ta'i mee siin booji'ameeraa
Beekeera worrishee sirriidha woyyashee!!
Ija jaalalaatiin lash gootee na laaltee
Xiyya jaalalashee narraa dhangalaaftee
Harka Koo na hiitee miila Koo sakaaltee
Eboo jaalalaatiin onnee Koo woraantee
Bareedduun wollaggaa Jaalalaan na mootee
Ijji Koo haa jaamtuu tan gaafas si laaltee
Beekeera worrishee sirriidha woyyashee!!
Bareeda wollaggaa shaggee dambi doolloo
Tan daangaa suudaanii yaantala amfilloo
Osuma si yaaduu bar hir'adhe kiiloo
An har'as si jaallaa badii kootu maaloo
Beekeera worrishee sirriidha woyyashee!
Hayyuudha worrishee dhugaadha woyyashee!!
Osuman milkaa'ee wollagga soddoomee
Jaalala woyyashee osuu badhaafamee
Gaara abbaa seenaa irraan qaxxaamuree
Naqamteefii gimbii laaleen keessaa taree
Mukkeen bosonashee Sana keessaa jooree
Ukkamsaaf hancootee takka osu dhandhamee
Hawwiin Koo naaf guutee an gaafa sooromee
Beekeera worrishee sirriidha woyyashee!
Hayyuudha worrishee dhugaadha woyyashee!!
Jiraadheetiin argee jaaladhe biyyashee
Laallamee hin quufamuu mukkeen bosonashe
woraabbamee hin dhumu worqeefii bunnishee
Hayyuu hedduu qabdii abshaala namnishee
Bareennis hedduudhaa tan akka woyyashee
Dhugaadha woyyashee sirriidha woyyashee
Beekeera worrishee dhugaadha woyyashee!!

Like, share, fii comentii keessaaniif guddaa galatoomaa.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251932518730

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Synias posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Establishment

Send a message to Synias:

Share