04/04/2026
Sababoonni ijoo kalee keenya nu dhabsiisan maal fa'i? osoo maallaqa itti hin kaffaliin kalee keenya akkamitti eeggachuu dandeenya laata?
Namoonni kaleen isaanii hojii dhaabe tajaajiila diyaalisiisii argachuuf si'a tokkotti giddu galeessaan birrii 2,500 hanga 3,000 kaffalu.
Namni kaleen isaa hojii dhaabde torbanitti yoo xiqqaate si'a sadii tajaajila diyaalisisii argachuu akka qabutu ogeessaan gorfama. Namoonni tajaajila diyaalisisii guyyaa guyyaan yeroon argachuu qabanillee jiru.
Maallaqa hangasii kaffalanii tajaajila kana argachuun garuu namoota heddutti ni jabaata.
~ Ofii osoo maallaqa itti hin kaffaliin kalee keenya akkamitti eeggachuu dandeenya laata?
Fayidaan kalee ijoon xurii qaama keenya keessaa dhabamsiisuudha. Xuriin bulbulamee bifa fincaanitiin qaama keessaa baha.
Fincaan qaama keessaa yoo hin baane qaama nama dhidhiitessuun, qaama keessa deebi’ee miidhaa qaamota biroorraan qaqqabsiisa.
Kaleen xuraa’aa qaama keessaa hin dhabamsiisu taanaan namni yeroo dheeraaf yoo tajaajila diyaalisisii argateen alatti lubbuun hin turu.
Kana qofaa miti gumaachi fayyaa keenyarratti qabu, kaleen elektoolaayitiiwwan lafee jabeessan to’ata.
Hormoonni qaamni keenya dhiiga diimaa akka oomishu taasisu isarraa madda.
Madaallii asiidii fi beezii qaama keessa jiruu kan eeguu kaleedha.
Kaleen keenyaa warshaalee gurguddaa waliin walfakkaata.
Yoo Kaleen hojii dhaabde maashina bakka kalee bu’ee xuraawaa dhiiga keessaa dhabamsiisu diyaalisisiitu barbaachisa.
~ Ofii maaltu dhibee kalee fida?
Dhibee kalee baay’inaan kan namatti fidan; dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dawaa namoonni faarmaasii ykn dukkaana qorichaarra bitanii fudhatan.
Dawaan dhukkubbirraa bayyanachuuf fudhataman – fakkeenyaaf mataa bowwoof fudhatamu dayigilofinaak jedhaman gorsa ogeessa malee yoo fudhataman kalee miidhu.
Dhibeewwan akka busaa rakkoo kaleef nama saaxilu danda’u .
Kana malees, cirraacha kalee, dhibeewwan madinummaan qaamaa of miidhuurra maddan fi qacceen walqabatan jiru.
Namoota umrii maanguddummaa keessa seenaniirratti ammoo xannachi piroostet jedhamu yoo dhiita’u, fincaan akka hin baane dhorkuun sududaan kalee miidhutu mul’ata.
Dhibeen kalee bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Balaa tasa nama mudatuun kaleen dandamachuu dadhabuurra kan maddu(acute kidney failure) jedhama.
Dhiigni balaa tasaatiin garmalee namarraa dhangala’e yoo bakka hin buufamiin hafe kalee miidhuun rakkoo kanaaf nama saaxiluu mala.
Kana malees, nama garaa kaasu tokko dhangala’aa qaama keessa bahu yoo bakka hin buufamne rakkoo kalee kana hordofsiisu mala.
Rakkoon kalee inni lammataa dhibeewwan namarra turan(chronic) kan akka dhibee sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaarra kan maddudha.
Sababni dhibee kalee namatti fidan ijoon isaan kana haa ta’an malee, waanti dhibee kalee namatti fidan kan hafan biroos jiru.
Dhibee kalee madinummaan qaamaa of miidhu(auto-immune disease) irraa maddan ittisuun rakkisaadha.
Namoonni hiyyumma keessa jiraatan yeroo heddu carraa dhibee kaleef saaxilamuu qabu.
Namoota jiruu fooyyee qabanis kanneen dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa qaban dhiibee kaleef saaxilamoodha.
~ Mallattooleen dhibee kalee akeekan maali?
Yeroo hedduu dhibeen kalee mallattoolee hin agarsiisu. Naannoo ijaa, miila dhidhiitessuun tarii mallattoo dhibee kalee akeeku mala. Akkasuma dhukkubbiin naannoo kaleerraa namatti dhaga’amu jiraachu mala.
Ogeessonni Wal'aansaa dhibee kalee sadarkaa shanitti qoodan. Hanguma sadarkaan isaa 1-5tti dabaluu dhukkubbiin isaas waliin dabalaa adeema jedhu.
Dhibeen kalee sadarkaa olaanaarra erga qaqqabee booda hir’inni dhiigaa mudachuu waan danda’uuf dadhabbiin namatti dhaga’amuu mala. Hirriba dhabuu, sirnaan harganuu dadhabuu, funuunu, dhiibbaan dhiigaa dabaluu, fincaan namaa diimaachuu-[mallattoo dhibees ta’uu dhabuu mala]
Hammi fincaanii hir’achuu, darbee darbeemmoo of wallaaluun mallattoolee dhibee kalee akeeku malu.
~ Kalee fayyaa qabaachuuf maaltu gorfama?
Namoonni dhibeewwan sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qaban dawaa ogeessan ajajameeef sirnaan akka fudhatan gorfama.
Namoonni dawaa dhukkuboota namatti wayyeessan fudhachuuf ajaja ogeessaa hordofuu akka qaban ogeessonni fayyaa ni gorsu.
Kana malees, soorata madaalame argachuu dhimma fayyaarratti gorsa hakiima hordofuunis gorsa ogeessota fayyaati.
Dhugaatii alkoolii baay’isuun al-kallattiin ta’ee kallattiin kalee miidhuu waan danda’uuf xiqqeessu ykn dhiisuutu ogeessaan gorfama.
Nama kaleen isaa hojii dhaabeef diyaalisisiitti gargaaramurra garuu kalee tokko namaa biraarra buqqisanii nama kaleen isaa hojii dhaabee dhaabutu caala filatamaa jedhu ogeessonni fayyaa.
Fayyaan Faayaa Fayyaa Keenya Ha Eeggannu.