10/09/2026
BEELLAMA MAGAALAA SAMARRAA
The appointment in Samarra
******************************
Seenaan tan ajaaibaati , kitaabaa john O'Hara Bara 1934 maxxanse The appointment in Samarra kan jadhu kessatti, Namoota hedduun jallatamummaa argattee jirti ,anis isiniif qooduun barbaade, seenaan Akkas jatti
Biyya iraaq ,magaala Baghdad keessatti nama tokkootu ture, Inniis tajaajilaa motichaati, yeroo Sanitti
Moticha isaa biratti baayyee jalatamummaa Qaba , baroota hedduus Waliin dabarsanii jiran ,isa tajaajiluu fi odeeffannoo gara gara deemee isaaf sassaabuu keessatti Gahee ol Aanaa Qaba
Osuma akkanaan jiranii guyyaa tokko tajaajilaan motichaa kun ,gara magaala deemee akka waan tokko tokko bituuf ajajamee ,Inniis deemee dhaqe magaala ,magaalaan tun torbaanitti yeroo tokko jirti ,yeroo jirtu sanitti baayyee hoo'ituudha
Nama hedduutu dhufa , Tajaajilaan kun osoo waa bitaa jiruu, magaala guutuu keessatti namni wahii Kan huccuu Gurraacha (black outfit) uffattee jiru ,isa hordofuu jalqaba , tajaajilaan kun baayye shakkuu ture , achiin namni isa hordofuu kun isatti dhiyaatee nagaya gaafate , Sirritti isaa Fuula Keessaa ilaalee booda, har'a bellama qabnaa bar jadheni bira darbe , tajaajilaan motichaa kun namni kun Du*a ykn Malakul moowti akka tahee bareecheetuma baree ,Keessi isaa bayyee shakke ,tajaajilaan kun Guyyaan inni du'u har'a ture ,
Tajaajilaan motichaa kun Dafee rifaatun fiigee , waan magaala bituuf dhaqees dhiise ,gara mootichaa dhufee, akkas jadheen , yaa mooti kiyya , har'a Ani du'ufan deema ,kanaaf Dafee magaala Baghdad tana Keessaa baqachuun Qaba akkaan hin duuneef jadheen , mootichi maaltu uumamee ? akkamiin beeyte jadheen , inni s Akkas jadheen , har'a magaala kessatti duuti huccu gurracha uffattee natti dhuftee akkan har'a du'u natti himte jadheen,
Kanaaf Dafee akkaan hin duuneef biyaa kanarra fagaachuun Qaba , ati dafii farda kee keessaa Kan akkaan fiiguu danda'u naaf kenni ,gara magaala Samarrattin jalaa baqadhaa jadhen , amma yoon Deeme laftiis bayyee fagoodhaa galgala numaan gayaamii jadheen ? Eeyyen jadhen motichi , achiin fudhatee fiiguu jalqabe, gara magaala Samarratti ,magaalaan tun Baghdad irra kilo meetira 125Km ni gaha .
Erga inni kutee booda, mootichis ka'eeti du'uma inni jadhu tanaan dhaqee ilaala jadhee, gara magaala isaanitti gad bahe , osuma magaala keessa deemuu ,nama inni jadhee san kan huccuu Gurraacha uffatee deemu ,Kan namarra addaa fuulli isaa halaalatti argee, itti dhiyaatee jadheen ,ati maaliif tajaajilaa kiyya narraa rifachiisfta jadhee gaafate, namni huccu gurracha uffattee saniis akkana jadheen
Lakkiii! Ani tasumayyu isa hin rifachiifne , ani har'a akkumaan magaala Baghdad tana dhufettiin isa argee ajaaiba natti tahee bar , galgala kana magaala Samarrattin beellama qabna ,inni garuu maal asii godha jadheen ilaalee na ajaaibe jadheen
Argitee ? Qaalii koo
Tajaajilaan motichaa san ,Du'a dheeysuuf ,gara magaala Samarrattin kute , garuu duuti isaa achuma tureyyuu , hanga feete miliquudhaaf dhamatuus humaa miti dhama'uu n kee san , Guyyaan kee yeroo gahu, daqiiqa tokko duursitee hin duutu ,daqiiqa tokko boodattiis hin aantu ,Hundi keenya ni duuna beeku qabda
Seena tana , John O'Hara ( John Henry O'Hara) lammii biyya America Kan tahee bara 1934 kitaaba isaa ,the appointment in Samarra jadhu kessatti maxxanse ture ,nama bayyen jalatame kitaabichi isaa yeroo Sanitti , seena heduus Qaba of Keessaa tan biraa, dubbisuu yoofeete kitaabicha PDF isaa na bira Argattu bilisaan (free dha).
Heddu Galatoomi yeroo tee aarsaa gootee dubbistee fituu keetiif ,waan Guddaa irraa baratta jadheen yaada. Yoo sitti tolee saahibban keetif share Godhiif
✍️ BY: Moha Inspire copyright ©️ 2026