26/03/2026
"Rakkoon inni guddaan amala boonaa kan akka Ibliis namoota tokko tokko irratti mulโatu 'Anaatu nama hundarra caala' kan jedhuudha.
Kasaaraan inni nama gaddisiisu garuu, namni tokko gadi-aantummaa fudhatee fi 'ani xiqqaadha, ani gad-aanaadha' jedhee amanee jiraachuu isaati.
Yaa Obboleessa kiyya , amantii Islaamaa qabaachuu keetiin qofa ati kabajamaa fi abbaa sadarkaa oliiti. Sharafa Rabbii mootii moototaa biraa siif kenname kana namni tokko akka sirraa butu hin hayyamin.
Namni kamiyyuu sanyii, qabeenya, aangoo ykn waan biraatiin 'ani si caala' jedhee yoo sirratti og tuule, fuula isaa irratti biyyee facaasi.
Yoo gaarummaa fi amala gaarii qabaachuu of fakkeessellee inni akkasii kun nama kijibaa bakka hin qabne jaโii amani.
Ibliis sadarkaa guddaa qaba ture, garuu yeroo 'ani Aadam caala' jedhee amanu abaarsa Rabbii fi dallansuu Isaatu irratti argame.
Yaadni isaa 'ibiddatu dhoqqee caala' jedhu sun zaahira irratti dhugaa fakkaatus, garuu sun madaallii caalummaa miti.
'Dhugumatti, isin keessaa Rabbii biratti caalaan keessan isa Rabbi sodaatuudha.' Nuun jaโa Rabbiin keenya.
Namni fadheehuu ammo 'ani Rabbi sodaataadha' jedhee of qulqulleessuu hin danda'u; galmeen sun cufamaadha!
'Of hin qulqulleessinaa, Inni (Rabbiin) eenyu akka Isan sodaatu isaatu beeka.'
Rabbiin ol diriirsee si uume maleef nama biraa naa ol jira jattee if tuffattee if gad hin qabin.
By Sh A