21/08/2023
Gaaffii fi Deebii Ana, Yasuus, Macaafa Qulqulluu fi Qur'aana giddutti godhame kana dubbisaa.
**************Dubbisa Gaarii****************
Macaafa Qulqulluun ragaan Yasuus ani eenyu jedhee barattoota isaa gaafate ykn ummata isa wajji ture itti gaafate sikeessa jiraa jedheen
EEYYEN NI JIRA NAAN JEDHEE
boqonnaa Maatiwoos 16:15 hime
Yasuus immoo, “isinoo eenyu anaan jettu?” jedhee barattoota isaa gaafate.Simoon Phexros deebisee, “Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo Jiraataati” jedhe.
Ammas Macaafa Qulqulluun
"Ilma waaqayyoo" jechuun maaljechuudha jennee gaafadhe
Boqonnaa Roomaan 8:14 irratti macaafni akkana jedhee deebii naa kenne.
“Warri hafuura waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyooti.”
Tole akkasii jedhee macaafa qulqulluu galateeffadhe.
Yasuusiin ( nageenyi rabbii isa irra haa jiraatu) warri kiristaanaa yeroo ammaa waaqayyo siin jedhanii siif sagadu ati kana irratti maal jetta jedhee gaafadhe? Innis matewos 5:17-18 seera nabiyyootaa diiguuf akka hn dhufin nayaadachiisee deebiin isaas kan isaayyaas Fariisotaa deebiseen akka walfakkaatu naaf hime
Matewoos 15:7-9 irratti IYYASUUS akkana jedhee naaf deebise
7 Isin of hin arginee nana! Isaayaas waa'ee keessaniif raajii isaa keessatti,
8 ‘Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna,
garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha;
9 ana waaqessuun isaanii akkasumaan,
abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu’
isa jedhe ba'eessa dubbate”
Eeyyeen
Yasuusiin nageenyi rabbi irra haa jiraatu galatoomi jedheen.gaaffii koo itti fufee sila warri kiristaanaa yeroo ammaa argaa jirru sirritti sijaalatu, sikabaju, siif sagadu, sikadhatu.Osoo waan isaan siif tahaa jiran kana agartee maal jettaan? itti gammaddamoo itti gaddita jedhee gaafadhe?
Innis akkana naan jedhee naa deebise....
Maatewoos 7:21-22
Yesus, “jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni,” yaa gooftaa, yaa gooftaa” naan jedhuu duwwaa dhaan