YLOVE

YLOVE Love's no experiance. It needs truth and confidence.

DHIIROO LAKKOOFSA MEEQA FILATTA?πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’–πŸ’–πŸ’πŸ’πŸ’–πŸ’–β£οΈβ£οΈβ£οΈβ£οΈπŸ’πŸ’˜πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ–€πŸ‘ŽπŸ‘‚πŸ‘‚πŸ‘‚πŸ‘‚πŸ‘‚πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡...
14/08/2025

DHIIROO LAKKOOFSA MEEQA FILATTA?
πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’–πŸ’–πŸ’πŸ’πŸ’–πŸ’–β£οΈβ£οΈβ£οΈβ£οΈπŸ’πŸ’˜πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’žπŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ–€πŸ‘ŽπŸ‘‚πŸ‘‚πŸ‘‚πŸ‘‚πŸ‘‚πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ€³πŸ€³πŸ€³πŸ€³πŸ€³πŸ€³πŸ€³πŸ€³

13/08/2025

Intalli umurii 15 yeroo jaallattee sin fuudhaa durbummaa qabdaa jettu hanga ammaatti namoota 15,n qofatu najaallate.πŸ’ƒπŸ’ƒπŸ’ƒπŸ¦Έβ€β™‚οΈπŸ¦Έβ€β™‚οΈπŸ¦Έβ€β™‚οΈπŸ¦Έβ€β™‚οΈ
πŸ•ΊπŸ•ΊπŸ•ΊπŸ•ΊπŸ•ΊπŸ¬πŸͺ‚πŸͺ‚πŸͺ‚πŸͺ‚

Send a message to learn more

13/08/2025

Ofiikeef of hin balleesiin
°°°°°°°°°β™₯︎°°°°°°β™₯︎°°°°°°°°°°°°°°β™₯︎

✍Ofiikee of hin dhabin malee wanta dhabde hundumaa yeroo isaatti ni argatta. Kanaaf isa dhabde sanaaf jecha eenyummaa kee hin dhabiniti of irratti hojjadhu

✍Namoota sirrii argachuuf jecha yeroo kee hin qisasessini. Ati nama sirrii ta'udhaf dhama'i malee si barbaadani dhufu.

✍Ofii keetif wanta hawwite,sana argachuu yoo dadhabde isa Uumaan kee sif barreesse garuu tokkollee hin dhabdu. Kanaaf badaa mataa of hin dhukkubsin.

✍Yeroo baay'e kan dhiphannu wanta baarbaannu yeroo dhabne utuu hin taane wanta of harkaa qabnu yoo hin beeknedha. Wanta of harka qabu kan hin beekne fi homaa kan hin qabne tokkodha. Kanaaf isa dhabde dhiisi isa qabdu irratti xiyyeeffadhu.

✍Namni hubataan rakkina durasaa jiru ilaale utuu hin taane mullata onnee isaa keessa jiru ilaalee obsaan karaa isaa imala. Kanaaf hubannaa qabaadhu.

✍Dhiifama namaaf gochun guddina yoo ta'eyyuu, dhiifama abdatanii nama miidhun garuu xiqqummaadha. Kanaaf atis midhuu dhiisi. Isa dhifama kee abdatee simidhurrayis fagaadhu.

✍Dogoggora gaafa hojjattu miidhamuu dandeessa. Garuu waggoota muraasa booddee kuufamni dogoggorootaa ati kaleessa hojjatte "Muuxannoo" jedhamani waamamu. Muuxannon immo gara milka'inatti si geessa. Kanaaf Dogoggorri kee kaleessaa mana barumsa kee ture jechudha.

✍Sin wantoota lamatu si ibsu. Inni jalqabaa yeroo homaa hin qabnetti obsa ati obsituu fi guyyaa wa argattetti gammachuudhan amala ati agarsiistudha. Kanaaf gaafa sif toles gaafa sitti bades miira kee to'adhu.

✍Sooressa guddaa ta'uf murteessan maallaqa lakkoofsa Baankii kee irraa qabdu utuu hin taane, eenyummaa sirrii sammu kee keessaa qabdudha. Kanaaf wanta sammuun kee fi onneen kee baatee jiru adda baafadhu. Yoo wan dansaa ta'e isa irratti hojjadhu.

✍Sammuun kee akka maagineetiti. Yoo waa'ee eebbaa yaadde eebba harkisa. Yoo wa'e rakkinaa yaadde rakkinuma harkisa. Kanaaf wan gaggaari qofa sammuu kee keessa ol-kaawwadhuutii eebba fi ulfina gara mana keetti harkisi.

Send a message to learn more

12/08/2025

AMALOOTA NAMOOTA MO'ATOO TORBA!

1. Waan gaarii fi cimina ofii isaanii fi kan nama biraa arguu danda'u. Hir'inaa isaaniirratti malee hir'ina namaa irratti hin xiyyeeffatan. Waan qabanii fi waan danda'anirratti xiyyeeffatu.

2. Namoota (hiriyyoota) gaarii ta'an naannoo isaaniitii qabaatu. Hiriyyoota kaayyoo, ergama fi ilaalchaan waltumsuu danda'an of biraa qabu.

3. Kufaatii isaanii dhoksuuf hin dhama'an, akka barumsa argatanitti yaadu.

4. Abdii hin kutani. Yoo kufan ka'uu akka danda'an beeku.

5. Murtoo murteessuuf dudduuba hin deebi'an. Murtoon jireenya keessatti barbaachisaadha, namoonni mo'atoon ni murteessu.

6. Waa'ee doggoggora darbee deddeebi'anii yaadanii of hin dhiphisan, garuu irraa baratu.

7. Yeroo kaayyoof jedhanii miidhamni dhiphinni, rakkiinni irra ga'u waan isaan miidhe caalaa waan miidhama sana keessaa argatan yaadu.

Mo'atoo isin haa taasisu Rabbi!

godhaa πŸ‘Œ

Send a message to learn more

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when YLOVE posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Want your establishment to be the top-listed arts & entertainment?

Share