Boorana Baarentu

Boorana Baarentu Jaalala keenyaa Afaan Oromoon ibsatan bareedi

Ashaamaa
-
Ashaamaa Harka fuune
Dugdaa gadi jennee
Hordoftoota keenyaf
Kabaja Mul'isnee
-
Galatootaa jenna
Guddaa onnee irraa
Caalaattimmoo duraaf
Wal cinaadha jirraa
-
Mara keessaniyyuu
Hedduun sin jaaladha
Xumura irratti
Jecha xinnoon jedha
-
Guddisuu kan Fedhu
Aartii saba isaa
gochuu irraa
Maaltu isa hambisa?

Baga nagayaan sirbaa haarawaan dhuftan
09/02/2022

Baga nagayaan sirbaa haarawaan dhuftan

New cover music by vision entertainment

 Kongireesiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa har'a baaseen mootummaan miseensotasaa fi lammiilee 'himannaa sobaatiin' hi...
12/02/2021



Kongireesiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa har'a baaseen mootummaan miseensotasaa fi lammiilee 'himannaa sobaatiin' hidhaman haal-duree tokko malee akka hiiku fi hidhamtoota sababa lagannaa nyaataatin lubbuu isaani sadarkaa balaarra jiruuf tarkaanfii lubbuu baraaruu akka fudhatu waamicha dhiyeesseera. Kun ta'uu baannaan garuu "lubbuu miseensota fi lammilee miidhamuuf mootummaan itti gaafatamummaa ni fudhata" jedheera, KFO'n

Hacaaluu Hundeessa sirbaa isaa ALBUM isaa Eessaa jirraa jedhu keessatti qopheefame GALATOOMA jedhudha  dhageefadha Share...
11/02/2021

Hacaaluu Hundeessa sirbaa isaa ALBUM isaa Eessaa jirraa jedhu keessatti qopheefame GALATOOMA jedhudha dhageefadha Share godha

Rabbiin hiree gaarii, nuuf haa hiruuGoofta asii oliitti Arshii gubbaa jiruuRabbii waan gagaarii fokkiinatii jijjiiruuIsa...
31/01/2021

Rabbiin hiree gaarii, nuuf haa hiruu
Goofta asii oliitti Arshii gubbaa jiruu
Rabbii waan gagaarii fokkiinatii jijjiiruu
Isaa wan fokkiina gaarumatti jijjiiruu
Rabbii hiree fedhe ofuuma nama hiruu
Gooftaa harkii isaa cuufarraa diriiruu
Mooticha kan diige, kan ammoo ijaaruu
Nuti sumaa kadhana hangaa lubbuun jirruu
Yaa Rabbii nuu baasi goota qaallitti jiruu
Oromoota ol sumaa kan innii irko godhatuu
Yoo si Irkoo godhatan waan fedhan argatuu
Nu olii Summaa kan inni garaa laafatuu
Rabbiin nuf baase umriis nuuf haa dheeratu
Du'aa'iin Goototaa isaa waliin haa jiratuu
Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin.

10/01/2021

Dubbisaa Irraa fayyadama
Torbaan darbe irraa itti fufuun kunoo har’as waliin ni ilaalla.

7.Fuudhuu ykn heerumu– osoo jaalalaan qabamuu baateyyuu fuudhaa heeruma keessa quufa, tasgabbii fi gammachuutu jira. Dubartii jaalalaan irraa qabamee fuudhu kan danda’u yoo ta’ee haa fuudhu. Kuni dawaa hundarra nama fayyaduudha. Fuudhaa heerumni jaalala daangaa darbee waan haaquf. Yoo fuudhun itti ulfaate karaa fuudhaa akka laaffisuuf gara Rabbii haa baqatu. Hanga fuudhu wanta Rabbiin dhowwe irraa obsaan haa fagaatu. Tarii hawwiin isaa ariifachuufi danda’a. Yookiin immoo namni inni jaallate sun isatti heerumu kan hin barbaanne yoo ta’e, haa obsu. Jabeenyaf Rabbiin haa kadhatu.

Du’aayii tanaan Rabbiin haa kadhatu/kadhattu:

رَبَّنا لا تُؤاخِذنا إِن نَسينا أَو أَخطَأنا ۚ رَبَّنا وَلا تَحمِل عَلَينا إِصرًا كَما حَمَلتَهُ عَلَى الَّذينَ مِن قَبلِنا ۚ رَبَّنا وَلا تُحَمِّلنا ما لا طاقَةَ لَنا بِهِ ۖ وَاعفُ عَنّا وَاغفِر لَنا وَارحَمنا ۚ أَنتَ مَولانا فَانصُرنا عَلَى القَومِ الكافِرينَ

Rabbanaa laa tuʾaakhiznā ʾin nasiinaa ʾaw ʾakhxaʾnaa rabbanaa wa-laa taḥmil ʿaleynaa ʾiṣran ka-maa ḥamaltahuu ʿalā llaziina min qablinaa rabbanaa wa-laa tuḥammilnaa maa laa xaaqata lanaa bihii waʿfu ʿannaa wa-ghfir lanaa wa-rḥamnaa ʾanta mawlaanaa fa-nṣurnaa ʿalaa l-qawmi l-kaafiriin

“Gooftaa keenya yoo daganne yookiin dogongorre nu hin qabin. Gooftaa keenya! Ba’aa guddaa akka warra nuun duraa irratti baachifte nurratti hin baachisin. Gooftaa keenya wanta dandeettiin keenya [baadhachuu] hin dandeenye nutti hin baachisin. Irras nuuf darbi, nuuf araaramis. Rahmata nuuf godhi. Ati Gargaaraa keenya. Ummata kaafiroota irrattis nu tumsi (gargaari).” suura al-Baqaraa Ayaa 286

Du’aayi akkam bareeddu!.

“Rabbiin du’aayi Kanaan akka Isa kadhatan warroota amanan itti kakaasa. Dhugumatti Inni wanta humnii isaanii hin dandeenye irra hin kaa’u. Aayan (keeyyanni) armaan olii kuni jaalalaanis ibsame (fassaramee) jira. Kaayyoon ibsa kanaa jaalala qofatti daangeessufi miti. (Jaalalaan ala rakkoo baay’ee namni hin dandeenyetu jira.) Jaalalli wanta namni baadhachuu hin dandeenye waan ta’eef namni tokko Rabbiin irraa gargaarsa kadhachuu qaba. Makhuul akkana jedha,”Jaalalli gubaa fedhiiti.” Dhugumatti jaalalli namoota jaalallee isaanitif akka of salphisan isaan taasisa. Jaalalli jaalalleef of salphisuu fi gadi of xiqqeessu irratti kan ijaarrameedha.” (Rewdatul Muhibbiin, fuula 131 irraa fudhatame)

Dhuguma jedhe hayyuun kuni. Namni jaalalaan qabamee yeroo jaalallee isaatif of salphisuu fi gadi xiqqeessu hin beeku. Maarre, salphinna kanaan akka hin haguugamne Rabbiin kadhachuun hin barbaachisuu ree? Kanaafu du’aayi armaan olii Kanaan Rabbiin kadhachuun namtichi ba’aa jaalalaa jalaa haa bahu

Kutaa 3ffaa.  fi  – namni jaalalaan qabame badii jaalalle isaa qunnamuu irraa dhalatu itti haa xinxallu. Yommuu inni ish...
27/12/2020

Kutaa 3ffaa.
fi – namni jaalalaan qabame badii jaalalle isaa qunnamuu irraa dhalatu itti haa xinxallu. Yommuu inni ishii qunnamuu madaa irratti madaa, gubaa irratti gubaa dabaltiif. Haasawa ishii waliin adeemsisu itti haa yaadu. Haasawa kanarraa ni gaafatama. Haasofni kuni ibidda irratti ibidda qabsiisu malee bu’aa biraa hin buusuf.

Mee seenaa tana akka barnootatti waliin haa ilaallu:

Dubartii miidhagduu takkatu Makkaan keessa jiraachaa türe. Dhiirsa qabdii turte. Guyyaa tokko daawwitii keessatti fuula ofii ilaalun dhiirsa ofiitin, “Nama fuula kana ilaale ittiin hin qoramne ni argitaa?” jetten. Innis ni jedhe ‘Eeyyen.” Ishiinis,”Eenyudha?” jetten. Innis,”Abiid ibn Amiir”jedheen. Ishiinis “Naaf hayyamii nan qoraa.”jetten. Innis,’siif hayyame.’jedheen. Ergasii dubartiin tuni Abiid ibn Amiiritti akka nama fatwaa (murtii Islaama) gaafatu fakkaatte itti dhufte. Innis gara cinaa masjiidatti kophaa waliin ta’e. Ergasii fuula ofitirraa haguuggi buuste. Innis ishiidhaan, “Yaa gabritti Rabbii fuula kee haguugi.”jedheen. Ishiinis,”Dhugumatti siin qoramee jira.”jetteen. Innis ni jedheen,”Gaafii wayii si gaafadha. Yoo dhugaa dubbatte, dhimma kee nan ilaala.” Ishiinis,”Homaa na hin gaafattu ani dhugaa kan dubbadhu yoo ta’e malee.”jetteen. Innis ni jedheen,”Mee natti himi, osoo Malaaykan du’aa ruhii tee qabuuf sitti dhufee, haajaa kee kana ani si guutun si gammachiisaa?” Ishiinis “Yaa Rabbii (na eegi), lakki!(na hin gammachiisu)”jetteen. Innis “Dhugaa dubbatte.”jedheen. Ammas akkana jedheen,”Osoo qabrii seente gaafiif dhiyaatte, haajaa kee kana ani sii guutun si gammachiisaa?” Ishiinis,” lakkii!” Innis ‘Dhugaa dubbatte.’jedheen. Ammas akkana jedheen,”Osoo namoonni (Guyyaa Qiyaama) kitaaba isaanii kennameefi, ati kitaaba kee mirgaan yookiin bitaan fudhachuu kan hin beekne taate osoo jirtu, haajaa kee kana ani sii guutun si gammachiisaa?” Ishiiniis, “ lakki!”jetten.

Ammas akkana jedheen,”Osoo siraaxa (riqicha Jahannamiin irra jiru) irraa darbuu barbaadde, ibidda irraa baraaramu yookiin baraaramu dhiisu kee kan hin beekne taate osoo jirtu, haajaa kee kana ani sii guutun si gammachiisaa?” Ishiinis,” lakkii!”jetteen.

Ammas akkana jedheen, “Yommuu miizanni (madaalli hojiiwwan namoota) fidame miizanni kee xiqqaatu yookiin ulfaatu isaa kan hin beekne taate osoo jirtu, haajaa kee kana ani sii guutun si gammachiisaa?” Ishiinis,” lakkii!”jetteen.

Ammas akkana jedheen, “Osoo gaafiif Rabbiin funduratti dhiyaatte, haajaa kee kana ani sii guutun si gammachiisaa?” Ishiinis,” lakkii!”jetteen.

Innis, “Rabbiin sodaadhu. Rabbiin si qananiise jira. Si miidhagse jira.”

Dubartiin tuni gara dhiirsa ishiitti deebite. Innis,”Maal raawwatte?” jedheen. Ishiinis,”Ati nama dadhabaadha. Nutis dadhaboodha.” Ergasii gara salaata, sooma fi ibaadaatti qajeelte. Dhiirsi ishii akkana jechaa türe,”Maal naa qaba, Abiid ibn Amiir niiti tiyya na jalaa balleesse. Halkan hundaa misirroo (mushurraa) taate jirti.” (Madda: Rewdatul muhibbiin fuula 241)

Kanaafu, adabbii addunyaa tanaa fi aakhiratti nama eeggatu sirritti itti xinxalluun, badii jaalala irraa dhufu salphatti irraa fagaachun ni danda’ama.

Kutaa 4ffaa .
- namni akkuma jaalalle isaatti karaa haraamatin itti dhiyaatuf carraaqun nafsee ofii rakkisaa adeema. Tarii badii kanatti erga kufanii jalqaba irratti walirraa fagaachun itti ulfaachu danda’a. Garuu namtichi obsaan yoo dabarsee, hadhaan kuni ni darba. Jaalallee isaati fi wantoota isii isa yaadachisan kanneenakka telefoona, interneeti fa’arraa fagaachu qaba. Dargaggeessa tokkotu jaalalaan mucayyoo takka irraa qabame. Wanti inni jalqaba godhee bakka ishiin jirtu irraa fagaachu fi telefoona, fesbuuki ishii ofirraa cufe. “Na qorti “jedhe lakkoofsa telefoona ishii bilbila ofitirraa haaqe. Guyyaa tokkollee fesbuuki, whatsapp fi kkf irratti ishii waliin chaati godhe hin beeku. Haala kanaan qormaata jaalalaa irraa nagaha bahe. Kanaafu, jaalalle irraa fagaachun dawaa jaalalaati.

Kutaa 5ffaa.
of ’oomsu– akkuma kutaa darbee keessatti jenne jaalali daangaa darbe kan dhufu yommuu namni hojii malee ta’uudha. Hojii gaggaariin of ko’oomsun balbala jaalala daangaa darbee cufa.

  kutaa 2ffaa. 2. Du’aayi (Rabbiin kadhachuu fi Isatti warwaachu)– dhibeen jaalala rakkoo fi balaadha. Rakkoo kana keess...
11/12/2020

kutaa 2ffaa.

2. Du’aayi (Rabbiin kadhachuu fi Isatti warwaachu)– dhibeen jaalala rakkoo fi balaadha. Rakkoo kana keessaa bahuuf namni tokko Rabbitti warwaachu fi kadhachuu qaba. Dhugumatti Rabbiin kadhaa nama rakkate ni deebiisaaf. Du’aayin diina balaati. Du’aayin balaa namarraa deebisa, namarraa kaasa. Yookiin balaan yoo namatti bu’ees ulfaatinna isaa salphisa.

3.Ija gadi qabachuu– ija gadi qabachuun boqonnaa namaaf kenna. Yommuu namtichi ija ofii gadi qabatu, fedhii fi hawwii qalbii isaa gadi qabaa jiraa jechuudha. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:



“Ija isaanii akka gadi qabatanii fi qaama saala isaanii akka eegan mu’umintootatti (warroota amananitti) himi. Santu isaaniif irra qulqulludha. Dhugumatti Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganitti.” Suuraa An-Nuur 24:30

Ibna Taymiyaan akkana jedha,”Ija ofii gadii qabachuu fi qaama saala eegu Rabbiin qulqullummaa nafseetiif jabeenya taasise (Namni yommuu ija ofii gadi qabatu fi qaama saalaa ofii eegu jabeenya argata.) Qulqullummaan nafsee (lubbuu) wantoota fokkuu hundaa hojjachuu dhiisu, miidhaa fi shirkii raawwachuu dhiisu, sobaa fi kkf irraa fagaachu kan of keessatti hammateedha.” Al-Ubudiyyata fuula 100-101

Ibn Jawzii (Rabbiin rahmata isaa haa godhuu) akkana jedha,”Namni ijji isaa fuula midhagaa (dubartii) irra buute fi qalbii isaa keessatti gammachuu argate, ija isaa irraa garagalchuun isarratti dirqama. Argaa kana keessatti ija yoo irra tursiise yookiin itti deddeebise, karaa shari’atiinii fi sammuutin komii (cubbuu) keessatti kufa.

Osoo akkana jedhame,”Ilaalcha jalqabaatin jaalalaan osoo qabame, komii kamtu nama ilaalu kanarra jiraa?”

Deebiin isaa: Yoo ilaalchi ilaalcha tasaa taate, tuni wanta jaalalaan nama qabsiistu miti jechuun ni danda’ama. Jaalalaan tan nama qabsiistu hanga qalbii keessatti hidda qabattu yoo ija itti rakkisaniidha. Kuni dhowwamaadha. Osoo ilaalcha jalqabaatin jaalalli ni jiraata jenne tilmaamneyyu, dhiibban isaa baay’ee xiqqaadha. “

Ammas akkana jedha ibn Jawziin, ‘Ilaalcha tasaa jalqabaatin jaalaalan yoo qabaman dawaan isaa maaliidha? Osoo jedhame

Deebiin isaa: Dawaan isaa deddeebisanii ilaaluu irraa garagaluudha. Ilaalchi ijaa akka sanyii miidhaani lafatti darbamteeti. Yoo kunuunsa hin argatin achumaan gogde hafti. Garuu yoo bishaan obaafamte ni biqilti. Ilaalchis haaluma kanaani. (Yoo qalbii itti rarraaste, akkuma sanyii miidhanii biqilti. Yoo qalbii tee itti rarraasu dhiistee irraa garagalte, achumaan sanyiin jaalalaa baddee hafti.)” Zammul hawaa fuula 439-440

Ibn Qayyim akkana jedha,”Nama sammuu qabuuf jaalala suuraa ofirratti moo’achiisu hin qabu. Gara badii kanaatti yookiin kan san caalutti yookiin muraasa isaatti akka isaa hin qajeelchine jaalala suuraa irraa of eegu qaba. Namni kana hojjatu nafsee ofii irratti daangaa darbe, ishiidhaan gowwoome. Yoo nafseen isaa badde, kan ishii balleesse isuma. Osoo gara nama jaallate sanii ijaa ofii itti deddeebisuu fi dhaqqabuuf dharra’uu baate, silaa jaalalli nama sanii onnee keessatti lafa hin qabatu ture.” (Al jawaabul kaafi fuula 506)

Dhuguma jedhe hayyuun kuni, Rabbiin rahmata isaa haa godhu. Dargaggoonni yeroo ammaa suuraa fi filmii wal qunnamtii saalatin telefoona fi compiyutara isaanii guutanii jiru. Kana osoo ilaalanu ibidda jaalalaatin gubatan. Nafsee ofii dararaa fi gidiraa jiru. Namni gorsoota armaan olii fudhate hojii irra oolche daraara kana jalaa ni baha. Kan dide immoo maal goonaf ree?

Namoonni gariin akkana jedhu, “Yoo ilaalcha takka ilaale, ilaalcha kootiif qalbiin tiyya itti rarra’uun yoo natti jabaate,ija tiyya itti deddeebise ilaalu nan danda’aa? Wanta nafsee tiyya keessa jiruun ala isa akka ilaaluf.”

Deebiin isaa: kuni waswasaa sheyxaana nama ittiin gowwoomsudha. Kuni sababa baay’ee irraa kan ka’ee ija itti deddeeebisanii ilaalun hin danda’amu. Tokkoffaa Rabbiin ija ofii akka gadi qabatan itti ajaje. Wanta dhowwee keessatti qalbii gabrichaatif dawaa hin taasisu. Lamaffaa yommuu Ergamaan Rabbii ilaalcha tasaa gaafataman, ija ofii akka irraa garagalchuu fi lamuu akka itti hin deebsine itti ajaje. Sadaffaan ilaalchi jalqabaa tan isaati. Garuu tan lammataa cubbuudha. Afraffaa tarii wanta nafsee isaa keessa jiru caalaa arguu danda’a. Ergasii adabbii ofitti dabala. Shanaffaa namtichi yommuu ilaalcha lamaffaa ilaalu sheyxaanni suuraa ishii garmalee itti miidhagsuun balaa (daraaraa) isaa itti guutaf.

Kanaafu ija ofii gadi qabachuun nageenya, tasgabbii fi boqonnaadha.

Itti fufa...........

  kutaa 1ffaa. Akkuma dhukkuboonni baay’een dawaa qaban jaalallis dawaa qaba. Namni dhimma jaalalaa jabeesse fi keessaa ...
09/12/2020

kutaa 1ffaa.

Akkuma dhukkuboonni baay’een dawaa qaban jaalallis dawaa qaba. Namni dhimma jaalalaa jabeesse fi keessaa bahuu ofitti ulfeesse, wanta hojjatuuf hin dhiifamu ykn osoo hin adabamin irra hin darbamu. Akkuma dhukkoobata birootiif dawaa (qoricha) barbaadatu, jaalalaafis dawaa barbaadatu qaba. Dawaan nama san kan fayyadu bakka fi yeroo sirriitti yoo fayyadamedha. Abbichi dawaa kana sirnaan yoo itti hin fayyadamiin jireenya ofii qisaasessaa jiraa jechuudha.

Asii gaditti jaalala daangaa darbee irraa qulqullaa’uuf sababoonni nama gargaran tarreefamani jiru. Barreefaommii armaan gadii irra caalaan isaa gaababbinaa fi filaannon kitaaba ‘Al-Ishq’ jedhamu irraa fudhatame. Gara jallaatti linkii diimtu irra tuqun buusu dandeessu.

1.Rabbiif qulqulleessu (Ikhlaasa qabaachu)– dhugumatti ikhlaasni (Rabbiif hojii hojjatan qulqulleessun) dawaa hundarra caaludha. Yommuu namni tokko dhibee jaalalaa irraa of qulqulleessee gara Rabbii isaa dhugaan deebi’e, Rabbiin kanarratti ni gargaara, gufuuwwan tawbaa (gara Rabbiitti deebi’uu) irraa isa dhowwan karaa irraa ni kaasaf.

Shekhul Islaam ibn Taymiyaa (Rabbiin rahmataa isaa haa godhuu) akkana jedha, “ Yommuu qalbiin mi’aa ibaada Rabbii fi Isaaf hojii qulqulleessu (ikhlaasa) dhandhamte, gonkuma wanti kana caalaa mi’aawaa, qananii’a, urgaa’a ta’e qalbii keessatti hin argamu. Namni nama jaalalan irraa qabame san hin dhiisu hanga jaalalli nama biraa jaalala nama sanii kan caalu yoo ta’ee malee. Yookiin (miidhaa jaalala sanirraa dhalatu) yoo sodaate malee (nama jaallate san hin dhiisu). Jaalala badaa irraa qalbii garagalchuun kan danda’amu jaalala gaariin yoo bakka buusaniidha yookiin miidhaa jaalala sanirraa dhalatuu yoo sodaataniidha.

Rabbiin Olta’e waa’ee Nabii Yusuuf ilaalchise akkana jedha,

”Dhugumatti ishiin isatti yaadde turte. Odoo ragaa Gooftaa isaa arguu baate innis isheetti yaadee ture. Akka kanatti hamtuu fi hojii fokkataa isa irraa deebisuuf (ragaa keenya isa agarsiisne). Dhugumatti inni gabroota keenya qulqulleefamoo (al-mukhlisiin) irraayyi.” Suura Yuusuf 12:24

Rabbiin gabricha irraa wanta gara fakkiitti (suura nama saniitti) isa dabsuu fi ish*tti hidhamu irraa wanta isa miidhu irraa deebisa. Iklaasa qabaachu isaatin wanta fokkuu irraa garagalcha. Namtichi mi’aa ikhlaasa yoo dhandhame fi (Iklaasni) qalbii isaa keessatti yoo jabaate, fedhii lubbuu isaa irratti salphamatti injifannoo ni argata.”

Ammas akkana jedha, “Yommuu namtichi Rabbiif ikhlaasa qabaatu Rabbiin isa ni filata, qalbii isaa ni jiraachisa, gara Ofitti harkisa, hamtuu fi wantoota fokkuu isa irraa ni deebisa.

Fuggisoo kanaa namni Rabbiif ikhlaasa hin qabaanne, isa keessa (lubbuuu) wanta hundaa barbaaddu, feetu fi guutumatti jaallattutu jira. Wanta sammuu isaa qaxxaamure hunda argachuuf fedha.” (Al-Ubudiyyata fuula 99)

Imaam ibn Al-Qayyim akkana jedha,”Qalbii tartiiba hin qabnetu jira. Gara Rabbii qajeeltu malee tartiiba hin horattu. Addummee (kophummaatu) itti dhagahama, addatti Rabbitti dhiyaatu (yaadatu) malee kophummaan kuni gadi hin lakkisu. Isa keessa gadda cimatu jira, Rabbiin beekuu keessatti gammachuu fi hojii isaa keessatti haqummaa qabaatu malee gaddii kuni irraa hin deemu. Isa keessa jeequmsatu jira. Yaada isaa guutu gara Rabbii sassaabu fi jeequmsa irraa gara Isaatti fiigu malee tasgabbii hin argatu. Isa keessa ibidda gaabbitu jira. Hanga inni ajajaa Rabbii fi wanta Inni dhowwee irraa dhowwamuun itti gammadu fi murtoo Rabbii irratti sabrii qabaatu malee ibiddi gaabbii kuni hin dhaamu. Garmalee wanta tokko barbaada. Hanga wanta hundaa Rabbiin qofarraa barbaadutti malee garmalee barbaadun (dharra’uun) kuni isarraa hin dhaabbatu. Dabalataaf (namoota biroo caaluuf) garmalee haafaya. Kana ofirraa ittisuu hin danda’uu hanga Rabbiin jaallatu, yeroo hundaa Isaa yaadatu fi ikhlaasa qabaatu malee. Osoo addunyaa fi wanti ishii keessa jiru guutun kennameef dharraa namoota biroo caaluuf haafayu gonkumaa irraa hin ittisu. “ (Madaaraja saalikin 3/156)

Kanaafu namni tokko hanga fedhe qabeenya haa qabaatu, dubartii miidhagdu haa fuudhu, wanta fedhe haa qabaatu, yoo Rabbiin irraa fagaate wanti inni fedhu hundi adabbii itti ta’u, ibidda gaabbi fi gaddaa itti qabsiisu. Wanti isa quubsu fi gammachiisu hin jiru.

Kanaafu, dawaan jaalala lakk. 1ffaa gara Rabbitti dhiyaachu fi hojii keenya keessatti ikhlaasa qabaachudha. Itti fufaa...............

05/12/2020

DUBBISII XUMURI

✓Osoo agartuu yoo hin hubatin sitti himuun bu'aa hin qabu.

✓Jiraachuun kee eenyuunuu yoo hin fayyadin du'uun kee eenyuunuu hin miidhu.

✓Kaayyoo malee namni jiraatu jiruu horiitiin garaagarummaa hin qabu.

✓Jiruma tana keessaa osoo du'ee jechuu irra waan yeroo duutu si fayyadu qopheeffadhu.

✓karoorfachuu qofa osoo hin taane karoora kee hojiitti jijjiiri.

✓Carraaqachuun bu'aa qaba osoo siree irrattis taatee.

✓Teessee haasahuu qofarra cal'istee deemuutu caala.

✓Gowwaa ta'anii quufuu irra qaruutee ta'anii beelahuutu caala.

✓Beekkumsi kee nama yoo hin fayyadin wallaalli kee eenyuunuu hin miidhu.

✓Lafti nama irraa qotee nyaatu osoo hin ta'in ka irra ciisee nyaatu komatti.

✓Suuta suutaan ka tarkaanfatu bakka guddaa gaha.

✓Mul 'ata dheeraa namni qabu nama hundaa caala osoo gabaabaa taheellee.

✓Nyaachuuf qofa yoo jiraatte harreedhaan garaagarummaa hin qabdu.

✓Saba keetiif Yoo Bu'aa hin buufne eenyuufuu Bu'aa buusuu hin dandeessu. Kanaafuu Kabajamtoota Ummata keenyaa afaan kana guddiisun wal haa gargaru, walirraa haa fayyadamnuu!

Ergamaa Rabbii keenyaa Nabii Mohammed irraatti nagayaa fi Rahmanii Rabbii isaanirra haa jiratu. S.A.W. jalaloo kiyyaa ❤❤
03/12/2020

Ergamaa Rabbii keenyaa Nabii Mohammed irraatti nagayaa fi Rahmanii Rabbii isaanirra haa jiratu.
S.A.W. jalaloo kiyyaa ❤❤

Address

Oromo Fun On Telegram
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Boorana Baarentu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category