18/06/2024
Ameerikaa, Israaโeelii fi Paalistiinota
***************************************
Ameerikaan dirreewwaan idla-addunyaa irratti akka falmituu mirga namoomaatti of-dhiheessiti. Waan hundaa ol mirga namoomaatiif kuftee kaโuuf qophii taโuu isii addeessiti. Imaammata alaa Ameerikaa keessaa inni ijoon tokko mirga namoomaa leellisuu fi kabachiisuudha.
Haleellaa Israaโel boombiidhaan Gaazaa irratti raawwataa jirtu, Ameerikaan kallattii adda addaatiin deeggaruu itti fuufuun ishii qeeqa idil-addunyaa kan hordofsiisee yoo taโu, ejjennoo dhugaa Ameerikaan mirga namoomaa fi seera idil-addunyaa irratti qabdu gaaffii guddaa keessa kan seensiseedha.
Haleellaan waraanaa Israaโel baatiwwan darban kana Gaazaa keessatti raawwataa jirtu kan lubbuu namoota nagaa heddu fixe, kan buโuuraalee misoomaa barbadeessee fi kan jiraattota Gaazaa gidiraa fi beela hamaaf saaxileedha. Gochoonni Israaโeel raawwataa jirtu kun seera idil-addunyaa jalatti yakka waraanaa jedhamanii kan ramadaman taโus, Ameerikaan Israaโeliif deeggarsa gama dippilomaasii, meeshaa woraanaa fi maallaqaatiin kennituuf cimsitee itti fuufteetti.
Haala akkana keessatti Ameerikaan deeggarsa cimsuun isii kun, seera buโuraa mirga namoomaa fi seera idil-addunyaa yeroo baayโee waltajjii addunyaa irratti dursa kenniinaaf jettu qabataamaan kan hin kabajne taโuu isii agarsiisee jira.
Aangoo veto Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti qabdu fayyadamuun, murteewwan gocha Israaโel balaaleffatuun bahan yeroo hunda ugguruu isheetiin fakkeessuma cimaa akka qabdu agarsiistee jirti.
Mootummaan Ameerikaa sarbama mirga namoomaatiin mootummoota biroo qeequuf kan ariifatu yoo taโu, sarbama mirga namoomaa Israaโel raawwatuu garu akkuma nama hin arginetti ijaa qabatee bira taruu irra darbee, yeroo deeggaru muldhata. Kunis, Ameerikaan hojiirra oolmaa seera addunyaa fi mirgaa namoomaa caalaa, dantaa jiโoopoolitikaa fi fedha isii saalfii tokko malee akka dursit Shakki hin qabu.
Rabbiin Ummata Filisxin Ha Bilisoomsu