07/07/2026
Bosona keessa simbirroo "Barunda" jedhamtu mataa lama garuu qaama tokkoo fi garaa tokko qabdutu turte. mataan isa mirgaa sammuu dandeettii gaarii yaadu qabu yemmu ta'u, Mataan inni bitaa garuu, inaaffaan kan guutee fi dafee kan aaru ture.
Gaaf tokko mataan mirgaa firii baay'ee mi'aawaa ta'e argatee firii sun baay'ee mi'aawaa ta'uu isaa Laatoo isaa kan mataa bitaa irraa jirutti hime. Kana dhaga'ee mataan bitaa inaaffaadhaan, 'Osoo hin dhandhamin akkamitti naaf hin qoodne?' Jedhee itti iyye. Mataan mirgaa "Obboleessako, yoo ani nyaadhe ykn yoo ati nyaatte garaa garummaa maalii qaba Garaan keenya tokko ittiin jedheen. Mataan bitaa,mataa mirgaa isaa tasuma dhaga'u hin dandeenye. Jibbaan guutamee haaloo bahuu jalqabe.
Guyyoota muraasa booda; Mataan bitaa firii summii qabu lafa irratti arga. aariidhan guutamee mataan isaanii lachuu jirma tokko irraa jiraachu isaanii kan hin hubanne mataan bita kun, "summii sana nyaadhee mataa mirgaa nan ajjeesa!" Jedhe dhaadate.
Mataan mirgaa "Maaloo akkas hin godhin! Yoo summii kana nyaatte lamaan keenyayyuu ni duuna!" Jedhe yoo kadhatu, mataan bitaa homa siin dhagahu jedhee summii arge sana nyaate. Utuu baay'ee hin turin summiin sun qaama isaanii keessatti babal'atee lamaan isaanii dhiphina guddaadhaan lubbuun isaani darbite.
maatii keessatti Hundi keenya sadarkaa hawaasaa ykn biyyaatti yaada adda addaa (mataa lama) yoo qabaanne; Garuu jireenyi nuti jiraannu akka nama kutaa tokko keessa waliin jiraatuuti.
Summiin nama miidhuuf biifnu, Dhumarratti nus nuballeesu mala.Jibba dhiifnee jaalalaan waliin jiraachuu wayyaa .
Trust worthy source of book technology news promotions and latest information as well as tip for crypto trading around the world π