29/07/2017
“EENYUU GALCHEE FIXAA?”
Aayyiyyoo too harmee,
Galanni kee hedduu,
Galchuu dhiisii inumaa,
Hin dhumu himamee.
Yooniif bishaan garbaa,
Dhume waraabamee,
Qofa galata kee,
Galchuun danda’amaa
Eega Rabbiin qofaa,
Sin caalu ilmii namaa.
Sitti if qixxeessuun,
Hin tahu gonkumaa,
Aayyoo too gudishaa,
Harmee harma dachaa,
Siitu naaf qorichaa,
Na tarkaanfachiiftee,
Meeqatam riqichaa,
Tokkolleen sin caalu,
Eega Rabbii tokkichaa,
Galanni kee hedduu,
Een-dandahee galchaa,
Umrii siif haa laatu,
Fayyaa waliin dachaa.(x3
Gudee too jiraadhuu,
Umrii naaf dheeradhuu,
Mataan sin dhukkubin,
Fayyaa hammaarradhuu,
Gaaddisa galgalaa,
Haa si teeysifadhuu
Na guddisuuf jettee,
Waan keessa dabartee,
Amma yoon yaadadhuu,
Silaa akka kootii,
Xiqqollee rakkachuu,
Waa siin hin jaaladhuu,
Qeensi sirraa caphuu,
Bar waa siifin quudhuu.
Osoo dandahamee,
Rabbiirraa jannata,
Ana kan sii fuudhuu.
Harmee nattin goomtuu,
Ji’a sagal guutuu,
Gara na baadhattee.
Na deesse cimimmuun,
Hedduu affeelamtee.
Laalaadhaan gubattee,
Hadhaa du’aa gartee.
Gargaarsa Rabbiitiin,
Ana argamsiiftee.
Ibidda jireenyaa,
Meeqaantam obsitee.
Osoo waxalamtuu,
Hidhii cininnattee,
Bira tarkaanfattee.
Ba’aa too garaadhaa,
Duuyda dabarfattee.
Anaa malqa yaraa,
Bar dhiira goote.(3
Halkanii fi guyyaa,
Roobaa caama keessa,
Oliifi gad ceetee.
Dhoqqeef dhukkee
dhiittee,
Mukaaf citaa irra,
Anaaf jecha baatee.
Dheebottee, beelooytee,
Daarteetiis addaattee.
Foon fuulaa fixatee,
Saree narrati taatee.
Nyaachiftee,obaaftee,
Dibdee na uffiftee.
Dhiiyxee,narraa hayxee,
Hedduu na boonsitee.
Ana malees meeqa,
Bakka dhiiraa dhaabdee.
Osoo rahaa feetuu,
Lubbuu tee adabdee.
Midhaanii fi bishaan,
Teetii irraa agabdee.(2
Qaama kee guggubdee,
Waaddee agaalabdee
Humna tantee mara,
Anarratti dhabdee.
Galchuu dhiisi inumaa,
Sammuudhaanu yaadee.
Abbaan fedhen fixuu,
Galata kee gudee.(2