22/08/2023
Bor yeroo laga buutuu
Na waami wajjiin buunaa
Jaalalli hamma lubbuutti
Yoo duunees wajjiin duunaa
Kaleessa Abbaa kee faana
Yeroo ala teessanii
Yaadaan dhufeen deebi'ee
Karaa mana keessanii
Gammoojjin duru ho'aa
Kanaaf qorraa baddaanii
Suma waliinan oolaam
Yoo fagaannees addaani
Jaalalli kee ibsaadha
Naaf ifa akka aduu
Waa'een kee daqiiqaafuu
Takkaa na duraa hin baduu
Ati anaaf agartuudhaa
Fagootti naaf ilaaltaa
Urjiifi addeessarraa
Wanta hundumaa caaltaa
Halkanis gad hin rafuu
Osoon ilaaluu hulaa
Inni guyyaa na hanqateet
Waa'ee keen yaadaa bulaa
Eegaa ani humaa
Obsuu Hin dandeenyee
Dhoksaattan gubadhaa
Warri koo hin dhageenyee
Warri kee guyyaa deeman
Cabseetan seena dallaa
Bishaan hin badiin malee
Waliin galla!